+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه قال:
سَأَلْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: أَيُّ الذَّنْبِ أَعْظَمُ عِنْدَ اللهِ؟ قَالَ: «أَنْ تَجْعَلَ لِلهِ نِدًّا وَهُوَ خَلَقَكَ» قُلْتُ: إِنَّ ذَلِكَ لَعَظِيمٌ، قُلْتُ: ثُمَّ أَيُّ؟ قَالَ: «وَأَنْ تَقْتُلَ وَلَدَكَ؛ تَخَافُ أَنْ يَطْعَمَ مَعَكَ» قُلْتُ: ثُمَّ أَيُّ؟ قَالَ: «أَنْ تُزَانِيَ حَلِيلَةَ جَارِكَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 4477]
المزيــد ...

Abdullaah bin Masu'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedheetiin gaafadhe: Rabbiin biratti dilii kamitu irra guddaadha? isaanis akkana jedhan: “Osoo inni si uumee jiruu, Rabbiif fakkaataa gochuudha” anis nan jedhe: sun waan guddaadha. ammas nan jedhe: Eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “Ilma kee si waliin nyaachuu sodaaf jecha ajjeesuudha", nan jedhe: eegasii hoo? Isaanis ni jedhan: “haadha manaa ollaa keetitti sagaagalummaa raawwachuudha”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 4477]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra guddaa diliiwwanii irraa gaafatamanii akkana jedhan: Irra guddaan ishee shirkii guddaadha, Innis gooftummaa Isaa keessatti yookaan gabbartii Isaa keessatti yookaan maqaa fi sifawwan Isaa keessatti fakkaataa Rabbiif gochuudha, dilii kana tawbaadhaan malee Rabbiin ol ta'e dhiifama hin godhu, abbaan isaa osuma isatti jiruu yoo du’e inni ibidda keessatti zalaalam ta'a. Eegasii namni tokko ilma isaa na waliin nyaata jedhee sodaatee isa ajjeesuudha, Lubbuu ajjeesuun ammoo haaraama, Garuu diliin isaa yoo inni ajjeefame sun ajjeesaan waliin firooma qabaate ni guddata, ammas diliin isaa kan guddatu yeroo yaadni nama ajjeesee sun namni ajjeefame kun rizqii Rabbiin kenneef isa waliin qooddataa sodaaf ta'eeedha. Eegasii namni tokko haadha manaa ollaa isaa gowwoomsuun akka isiin isaa bitamtu gochuun isii waliin sagaagalummaa raawwachuudha. Sagaggaalummaan haraama, garuu namni sagaggaalummaan itti raawwatamu haadha manaa ollaa kan shari’aan tola isatti ooluu, gaarii isaaf yaaduu fi isaan waliin jireenya gaarii jiraatutti ajaje yoo taate diliin isaa ni guddata.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkuma hojiin gaariin sadarkaa keessatti wal dhabu, diliinis guddina keessatti wal dhabaadha.
  2. Irra guddaan diliidhaa: Rabbii ol ta'etti waan biraa qindeessuudha, eegasii si waliin nyaachuu sodaaf jecha ilmoo kee ajjeesuudha, eegasii haadha manaa ollaa keetitti sagaggaalummaa raawwachuudha.
  3. Rizqiin harka Rabbiiti jira, ​​Uumamtoota hundaafuu akka qoodu of qabee jira -Inni qulqullaa'e-.
  4. Guddina haqa ollaatii fi dilii isa miidhuu dilii nama biroo miidhuu irra akka guddaa ta'eedha.
  5. Rabbii uumaa ta'e kan hiriyaa hin qabne qofaatu gabbaramuu haqa godhataadha.