tarree:
+ -

عَنْ أَبِي العَبَّاسِ، عَبْدِ الله بْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا قَالَ: كُنْت خَلْفَ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَوْمًا، فَقَالَ:
«يَا غُلَامِ! إنِّي أُعَلِّمُك كَلِمَاتٍ: احْفَظِ اللَّهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ الله تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاَللهِ، وَاعْلَمْ أَنَّ الأُمَّةَ لَوْ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ يَنْفَعُوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَنْفَعُوكَ إلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللَّهُ لَكَ، وَإِنِ اجْتَمَعُوا عَلَى أَنْ يَضُرُّوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَضُرُّوكَ إلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللَّهُ عَلَيْكَ؛ رُفِعَتِ الأَقْلَامُ، وَجَفَّتِ الصُّحُفُ». وَفِي رِوَايَةِ غَيْرِ التِّرْمِذِيِّ: «احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ أَمَامَكَ، تَعَرَّفْ إلَى اللهِ فِي الرَّخَاءِ يَعْرِفْكَ فِي الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أَنَّ مَا أَخْطَأَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَكَ، وَمَا أَصَابَك لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَكَ، وَاعْلَمْ أَنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ، وَأَنْ الفَرَجَ مَعَ الكَرْبِ، وَأَنَّ مَعَ العُسْرِ يُسْرًا».

[صحيح] - [رواه الترمذي وغيره] - [الأربعون النووية: 19]
المزيــد ...

Abuu Abbaas, Abdullaah Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti –Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: guyyaa wohii booda nabiyyiitti –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbadhee osoon jiruu akkas jedhani:
«Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki: ummanni hundi waan tokkoon si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabeen malee waan tokkooniyyuu si hin fayyadanu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan sila Rabbiin sitti barreesseen malee waan tokkooniyyuu si hin miidhanu, qalamoonni kaafaman, kitaabonnis qooran».

[sirrii] - [رواه الترمذي وغيره] - [الأربعون النووية - 19]

Ibsaa

Ibnu Abbaas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- gurbaa xiqqaa nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbatu ture, Nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ani wantoota Rabbiin ittiin si fayyadun si barsiisa isaan jedhaniin: Isaan buluu fi waan isatti si dhiheessu hojjachuu irratti si argee, badiiwwanii fi diliiwwan irratti akka si hin agarreef, ajajoota isaa tiksuun, dhoorgaawwan isaa irraa fagachuun, Rabbiin tiksi, sana yoo hojjatte, mindaan kee Rabbiin waan jibbamaa duniyaa fi Aakhiraa irraa si eegee, eessattuu yoo bobbaate immoo dirqamoota kee irratti siif tumsuu ta'a. Waan tokko gaafachuu yoo barbaadde, Rabbiin malee hin gaafatin, isuma qofatu gaafattootaaf deebii kenna waan ta'eef. Gargaarsas yoo barbaadde Rabbiin malee hin gargaarsifatin. Worri dachii hundi si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabe malee faaydaan wohii akka siif hin taane mirkana ta'i, akkasumas worri dachii hundi si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila sirratti murteesse malee miidhaan kamuu akka si hin qaqqabnes mirkana ta'i. Dhimma kana Rabbiin akkaataa ogumnii fi beekumsi isaa dirqamsiisuun katabee jira, waan Rabbiin barreesseef immoo jijjiirraan hin jiru. Ajaja isaa tiksuu fi dhoorgaa isaa irraa fagaachuun nama Rabbiin tikse; Rabbiin ol ta'e fuuldura isaatti argama, waan inni irra jiru beeka waan ta'eef, isaaf tumsa isa gargaaras. ilmi namaa bal'ina keessatti Rabbiif yoo ajajame, Rabbiin immoo yeroo rakkinaa fi dhiphinaa keessatti furmaata isaaf taasisa, ilmi namaa hunduu waan Rabbiin isaaf qoode, toltuus ta'ee hamtuu haa jaallatu. gabrichi rakkiinootaa fi qormaatoowwanii waliin obsa qabaachuu qaba, obsi furtuu furmaataati waan ta'eef jecha, rakkinni yeroo jabaate Rabbiin irraa furmaanni dhufa, jabinni wohii yeroo argame Rabbiin isa boodaa laafinti fida.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Barbaachisummaa Xixiqqoowwanii fi ijoollewwan dhimmoota tawhiidaa, naamuusaa fi kan biroo barsiisuun qabuudha.
  2. Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
  3. Waan Isa malee jiru dhiisanii Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi Isuma qofa irratti tawakkaluutti ajajuudha, keessa, Inni hirkoof waa tole.
  4. Murtoo, qadaratti amanuu fi isa jaallachuudha, Rabbiin dhugumatti waan hundaa qaddaree jira.
  5. Nama ajaja Rabbii gate Rabbiin isa gata, isas hin tiksu.
  6. Gammachuun guddaan ilmi namaa rakkinni yoo isa mudate laafina haa eeguudha.
  7. Yeroo balaan mudatee fi jaalalleen darbetti bohaarsaan gabrichaa, jecha isaanii kan: "beeki! wanti si mudate si dhabuuf hin turre, wanti si dhabe si mudachuuf hin turre" jedhu keessa jira, himni tokkoffaan wanti jibbamu yeroo nama mudateef bohaarsaadha, himni lammaffaa immoo wanti jaallatamu yeroo nama darbeef bohaarsaadha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii