1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu

عَنْ أَبِي مَسْعُودٍ عُقْبَةَ بْنِ عَمْرٍو الأَنْصَارِيِّ البَدْرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ:
«إِنَّ مِمَّا أَدْرَكَ النَّاسُ مِنْ كَلاَمِ النُّبُوَّةِ الأُولَى: إِذَا لَمْ تَسْتَحْيِ فَاصْنَعْ مَا شِئْتَ».

Abuu Mas'uud Uqbaa ibnu Amrii Al-Ansaarii Al-Badrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Jechoota namoonni Nabiyyummaa isa jalqabaa irraa dhaqqaban keessaa tokko: Yoo qaanfachuu baatte wanta barbaadde raawwadhu».

sirrii Bukhaariitu gabaase الأربعون النووية - 20

Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jechuudha himan: waan dhaamsi Nabiyyoota darban irraa keessatti dhufee, namoonni of giddutti waliif dabarsaa turan, Hanga jalqaba ummata kanaa gahutti dhaloota eega dhalootatii walirraa dhaalaa turan keessaa: Waan gochuu barbaaddu ilaali, waan irraa hin qaanfatamne yoo ta'e isa hojjadhu, waan irraa qaanfatamu irraa yoo ta'e immoo ofirraa isa dhiisi; Hojii badaa dalaguu irraa kan nama dhoorgu qaanii qabaachu waan ta'eef jecha, Namni qaanii hin qabne, safuu fi dalagaa xuraa’ummaa fi badii hundumaatti of kenna.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Qaanii qabaachuun ka'umsa haala gaariiti.
  2. Qaanii qabaachuun amaloota Nabiyyootaa -nagaan irra haa jiraatu- keessaa isa tokkoodha, kun waan isaan irraa dhufeedha.
  3. Qaanii jechuun isa nama muslimaa tokko waan bareedaa fi miidhagaa akka hojjetu, waan xureessuu fi fokkisisu akka dhiisu isa godhuudha.
  4. Nawawiin akkana jedhe: Ajajni Hadiisicha keessatti dhufe ni hayyamama jechuufi, jechuunis: Yoo waan tokko hojjechuu barbaadde, waan Rabbii fi namoota duratti hojjechuu hin qaanofne yoo ta'e isa hojjedhu, akkas ta'uu baannan ofirraa dhiisi jechuudha, kun immoo adeemsa Islaamaati, Sababni kanaas wanti itti ajajamu kan dirqamaa fi waan dalagamuuf gorfamu dhiisuu irraa ni qaanfatama, waan irraa dhoorgame haraama fi jibbamaa hojjachuu isaa irraa qaanfatama, waan eeyyamamaa ta’e immoo raawwachuus ta'ee dhiisuun isaa ni eeyyamama, kanaaf Hadiisni kun murtiiwwan shanan hammateera. Akkasiis jedhame: ajaja bifa sodaachisaan dhufeedha, jechuunis: Yoo safuun si irraa mulqame waan barbaadde raawwadhu, Rabbiin garuu irratti si herraga, akkasis jedhame: Ajaja bifa oduutin dabarfame, jechuunis: namni hin qaanofne waan fedhe hojjeta jechuu dha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

59 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو