+ -

عن أبي مسعود الأنصاري رضي الله عنه قال:
جَاءَ رَجُلٌ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فَقَالَ: إِنِّي أُبْدِعَ بِي فَاحْمِلْنِي، فَقَالَ: «مَا عِنْدِي»، فَقَالَ رَجُلٌ: يَا رَسُولَ اللهِ، أَنَا أَدُلُّهُ عَلَى مَنْ يَحْمِلُهُ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «مَنْ دَلَّ عَلَى خَيْرٍ فَلَهُ مِثْلُ أَجْرِ فَاعِلِهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1893]
المزيــد ...

Abuu Mas'uud Al-ansaarii irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun malli na harkaa badee karaan natti cufame waanan yaabbadhee deemu naaf kenni jedheen, Nabiyyiinis "Hin qabu" jedhaniin, namichi tokko yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhee, ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: "nama toltuutti qajeelcheef fakkaataa mindaa nama isa hojjateetu isaaf jira".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1893]

Ibsaa

Namichi tokko gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: yaabbannaan koo na jalaa badde, horii irratti na baadhu, yaabbannaa bakka dhimmaatiin na gahu naaaf kenni, Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan kennanuuf akka hin qabne itti himani, namichi tokko kan isaan bira ture wohii, yaa ergamaa Rabbii, anatu nama yaabbannaa isaaf kennutti isa qajeelcha jedhe, achumaan ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mindaa keessatti nama sadaqaa kennateen shariika akka inni ta'e himani, abbaa dhimmaa gara nama dhimma isaaf baasutti waan qajeelcheef jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Toltuutti qajeelchuutti kakaasuudha.
  2. Hojii khayrii hojjachuutti wol kakaasuun sababaa hawaasni muslimaa ittiin wol bira dhaabbatuu fi ittiin wol guutu keessaa isa tokkoodha.
  3. Tolli Rabbii ol ta'ee bal'aa ta'uu isaati.
  4. Hadiisichi foormulaa walii galaati, hundi hojii toltuu ta'ee isa keessa seena.
  5. Ilmi namaa ofii isaatii fedhii gaafataa guutuun yoo hin miijjanneef, nama biraa kan guutuufii danda'utti isa qajeelcha.