+ -

عَنْ عَبْدِ اللهِ بنِ عُمَر رضي الله عنهما قال: قال رسولُ الله صلى الله عليه وسلم:
«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ الْبَيْتِ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 16]
المزيــد ...

Abdullaah ibn Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 16]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Islaamummaa ijaarsa ruknoowwan isaa shanan ijaarsa sana baattuun jabaa ta'etti fakkeessan, haaloowwan isalaamummaa kanneen hafan immoo akka waan guuttuu ijaarsa sanaa taatetti ilaalamti. Durri Ruknoowwan kanneenii: Shahaadaa lameeni; Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiruu fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa bahuudha, isaan kun lameen ruknii tokko, tokkoon isaanii kaan irraa gargar hin bahu, Garbichi tokkummaa Rabbiitii fi waan Isa malee jiru osoo hin taane Inni qofti ibaadaa akka haqa godhatu amaanaa haala ta'een, qajeelfama isitti hojjataa haala ta'een, ergaa Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amanee isaan hordofaa haala ta'een isaan lameen (shahaadaa lameen) dubbata. Rukniin lammaffaa: Salaata dhaabuudha, isiinis Salaatawwan halkanii fi guyyaa keessatti dirqama ta'an shanani: salaata fajrii, zuhrii, asrii, maghribaa fi ishaa'ii yoo ta'an ulaagaa isaanii, ruknoowwan isaaniiti fi dirqamoota isaanii eeggatanii dhaabuudha. Rukniin sadaffaa: zakaa dirqamaa baasuudha, isiin ibaadaa qabeenyaa tan hunda hoorii likkii shari'aan murtaahe keessatti dirqama taatuudha, namoota isii haqa haqa godhataniif kennamti. Rukniin afraffaa: Hajjiidha, inni hojiilee adda addaa raawwachuuf Makkaa hamiluudha, Rabbii ol ta’e gabbaruuf jecha. Rukniin Shanaffaa: Sooma Ramadaanaati, inni barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti niyyaa Rabbiin gabbaruutiin nyaata, dhugaatii fi wantoota sooma balleessan kan biroo irraa of qabuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Shahaadaan lameen kan addaan hin baane ta'an tokkoon isaanii kaanin malee fayyaa hin ta'uudha; kanaafuu ruknii tokko godhama.
  2. Shahaadaan lameen bu’uura amantii yoo ta'an isaan lameenin malee jechaas ta'ee hojiin kamuu fudhatama hin qabu.