عن أبي هريرة رضي الله عنه قال:
لَعَنَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الرَّاشِيَ وَالْمُرْتَشِيَ فِي الْحُكْمِ.

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 1336]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran.

[sirrii] - [tirmiziifii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 1336]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warra gubboo kennuu fi fudhatus rahmata Rabbii ol ta'ee irraa akka ari’amanii fageeffaman itti kadhatan.
Sana irraa abbootiin murtii murtii kennan keessatti loogii akka godhaniif waan kaffalamuudha; sababni isaas namichi kennu sun haqaan maletti waan barbaade galmaan gahuu akka danda'uuf jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gubboo kennuun, fudhachuun, gidduu seenuu fi irratti gargaaruun akka haraama ta'eedha; sababni isaas cubbuu irratti wal gargaaruun waan isa keessa jiruuf jecha.
  2. Malaammaltummaan diliiwwan gurguddoo akka ta'eedha; sababni isaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- nama gubboo fudhatuu fi kennus waan abaaraniif jecha.
  3. Dirree haqaa fi murtii irratti malaammaltummaan yakka guddaa fi cubbuu cimaadha; Sababni isaas miidhaa fi waan Rabbiin buuseen alatti murteessuun waan isa keessa jiruuf jecha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (59)
dabaltii