+ -

عن أبي هريرة رضي الله عنه قال:
لَعَنَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الرَّاشِيَ وَالْمُرْتَشِيَ فِي الْحُكْمِ.

[صحيح] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 1336]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran.

[sirrii] - [tirmizii odeesse - ahmad odeesse] - [sunana tarmizii - 1336]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warra gubboo kennuu fi fudhatus rahmata Rabbii ol ta'ee irraa akka ari’amanii fageeffaman itti kadhatan.
Sana irraa abbootiin murtii murtii kennan keessatti loogii akka godhaniif waan kaffalamuudha; sababni isaas namichi kennu sun haqaan maletti waan barbaade galmaan gahuu akka danda'uuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gubboo kennuun, fudhachuun, gidduu seenuu fi irratti gargaaruun akka haraama ta'eedha; sababni isaas cubbuu irratti wal gargaaruun waan isa keessa jiruuf jecha.
  2. Malaammaltummaan diliiwwan gurguddoo akka ta'eedha; sababni isaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- nama gubboo fudhatuu fi kennus waan abaaraniif jecha.
  3. Dirree haqaa fi murtii irratti malaammaltummaan yakka guddaa fi cubbuu cimaadha; Sababni isaas miidhaa fi waan Rabbiin buuseen alatti murteessuun waan isa keessa jiruuf jecha.
dabaltii