+ -

عن ابن عباس رضي الله عنهما قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«ما مِنْ أيَّامٍ العمَلُ الصَّالِحُ فيها أحبُّ إلى اللهِ مِن هذه الأيام» يعني أيامَ العشر، قالوا: يا رسُولَ الله، ولا الجهادُ في سبيلِ الله؟ قال: «ولا الجهادُ في سبيلِ الله، إلا رجلٌ خَرَجَ بنفسِه ومالِه فلم يَرْجِعْ من ذلك بشيءٍ».

[صحيح] - [رواه البخاري وأبو داود، واللفظ له] - [سنن أبي داود: 2438]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Guyyoota kana caalaatti guyyooleen hojiin gaariin Rabbiin biratti iraa jaallatamaa ta'an hin jiru» goyyoota kurnan jechuudha, yaa ergamaa Rabbii, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo taellee moo? jedhani, isaanis ni jedhani: «Eeyyeen karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu yoo ta'ellee, namicha lubbuu isaatii fi qabeenya isaatiin ba'ee sana keessaa homa tokkoon kan hin deebine yoo ta'e malee».

[sirrii] - [bukhaariifii abuudawud odeessan jechi kanisaati] - [Sunana abbaa daawud - 2438]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurnan jalqabaa baatii zul hijjaa keessa hojjatamu guyyoota woggaa hunda keessatti kan hojjatamu akka caalu ibsani.
sahaabonni -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- kurnan kanaan alatti qabsoo karaa Rabbii keessatti godhamuutu irra caala moo guyyoota kurneessituu kana keessatti hojii gaarii hojjatamuutu irra caala jechuun nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafatni, karaa Rabbii keessatti qabsaa'uun irra caalaa hojii ta'uun isaa isaan biratti ragga'aa waan tureef jecha.
Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin gaariin guyyoota kurneessituu kana keessatti hojjatamu guyyoota biroo keessatti karaa Rabbii keessatti qabsaa'uu irraa caala jechuun deebisaniif, namicha karaa Rabbii keessatti lubbuu isaatii fi qabeenya isaa aarsaa taasisuun qabsoof ba'ee, qabeenya isaa dhabee lubbuun isaas karaa Rabbii keessatti baate yoo ta'e malee. kana qofa kan hojii gaarii guuyyoota kurnan caaltuu taate kana kessatti hojjatamu caalu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. sadarkaa hojiin gaarii guyyoota kurnan zul hijjaa keessatti hojjatamu qabuudha, muslima irratti guyyoota kanatti fayyadamuu fi isa keessatti zikrii Rabbii, qur'aana qara'uu, Allaahu Akbar, laa ilaaha illallaah, Rabbiin faarsuu, salaata, sadaqaa, soomaa fi hunda hojii toltuu irraa ibaadaa heddummeessuutu irra jiraata.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف البلغارية azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani