عَنْ أَبِي عَبْسٍ عَبْدُ الرَّحْمَنِ بْنِ جَبْرٍ رضي الله عنه أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَا اغْبَرَّتْ قَدَمَا عَبْدٍ فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَتَمَسَّهُ النَّارُ».
[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 2811]
المزيــد ...
Abuu Abs Abdurrahmaan bin Jabri irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Karaa Rabbii keessatti miilli lamaan gabrichaa dhukkooftee ibiddi kan isa tuqu hin taane».
[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 2811]
Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama karaa Rabbii keessatti osoo qabsaa'uu miilli isaa lamaan dhukkaa'an ibiddi akka isa hin tuqne gammachiisan.