عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا مِنْ قَوْمٍ يَقُومُونَ مِنْ مَجْلِسٍ لَا يَذْكُرُونَ اللَّهَ فِيهِ إِلَّا قَامُوا عَنْ مِثْلِ جِيفَةِ حِمَارٍ، وَكَانَ لَهُمْ حَسْرَةً».

[صحيح] - [رواه أبو داود] - [سنن أبي داود: 4855]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Namoonni bakka walga’ii isa keessatti Rabbiin hin zakkarin tokko irraa ka'an taanan akka nama reeffa herree ka'ee ta'an malee hin hafan, akkasumas sun isaanitti gaabbii ta'u malee hin hafu».

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 4855]

Ibsaa

Rasuulli -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoonni bakka walga’ii wahii taa’anii osoo isa keessatti Rabbiin hin zakkarin ka'an taanan, akka nama reeffa harree ajaayaa fi xuraa'aa ta'e irraa ka'ee ta'an malee akka hin hafne himan; sababni isaas haasaan zikrii Rabbii irraa waan qabamaniif jecha, akkasumas bakki walga'ii sun guyyaa qiyaamaa isaaniif sheenaa, hanqinaa fi gaabbiin isaanif irraa hafiinsi hin jirre isaanitti ta'u malee akka hin hafne himaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin zakkaruu irraa dagachuu ilaalchisee akeekkachiisni caqafame walga’ii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, waan biroos ni hammata, Nawawiin akkana jedhe: Namni bakka tokko taa’ee osoo achitti Rabbiin hin zakkarin deemuun ni jibbamaa.
  2. Seenahuun guyyaa qiyaamaa isaan mudatu:Yookaan ajaja Rabbii keessatti yeroo sanitti dhabuudhaan mindaan jalaa dabruun ta'a, ykn sababaa yeroo isaanii badii keessatti dabarsaniif jecha dilii fi adabbiin itti argamuudhaan ta'a.
  3. Akeekkachiisni kun Dagannoon kun wantoota akka shari'aatti hayyamameen yoo taʼe, wal ga'iin haraamaa kan isa keessatti nama hamatuun, lukkummaa fi kkf jiran hoo akkama ta'a?
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (48)