عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه:
أَنَّ رَجُلًا قَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ إِنَّ لِي قَرَابَةً أَصِلُهُمْ وَيَقْطَعُونِي، وَأُحْسِنُ إِلَيْهِمْ وَيُسِيئُونَ إِلَيَّ، وَأَحْلُمُ عَنْهُمْ وَيَجْهَلُونَ عَلَيَّ، فَقَالَ: «لَئِنْ كُنْتَ كَمَا قُلْتَ، فَكَأَنَّمَا تُسِفُّهُمُ الْمَلَّ وَلَا يَزَالُ مَعَكَ مِنَ اللهِ ظَهِيرٌ عَلَيْهِمْ مَا دُمْتَ عَلَى ذَلِكَ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 2558]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti Rabbiin irraa haa jaallatu:
Namichi tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii firan ani isaan fufu kan isaan na kutanin qaba, toltuun isaanitti hojjadha, isaan immoo hamtuu natti hojjatan, ani hamtuu isaanii danda'ee jiraadha, isaan immoo sana hin beekan, isaan akkana jedhaniin: «Akka ati jette kana ati yoo taate akka waan daaraa isaan siphachiifteeti, waan akka sanitti itti fufteen gargaaran Rabbiin biraa ta'e si waliin ta'uu irraa hin deemu».
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 2558]
Namni tokko Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- fira tola itti oolu kan isaan faallaa sanaa itti hojjatan akka qabu himate, inni firummaa isaanii ni jabeessuudhaan isaanitti dhufa, isaan immoo isa ni muran, inni kheyrii hojjachuun isaanif toltuu yaada, garuu isaan miidhu fi itti garaa jabaachuun isatti hamtuu hojjatan, hamtuu isaanii danda'eeti isaanif dhiifama godha, garuu isaan jechaa fi gocha badaan hojii nama wallaalaa isatti hojjatan, wanti caqafame kun osoo jiruu firummaa isaanii tolchuu isaa itti fufaa?
Rasuullis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Yoo dubbiin akkuma ati jette kana ta’e, ati isaan salphiftee akka of tuffatan goodha jirta, akka waan ati daaraa ho’aa isaan nyaachiftuuti; tola oolinna kee baay'atee gochi isaanii badaa waan ta'eef jecha, gargaaran Rabbiin biraa ta'e kan isaan irratti si gargaaru fi badii isaanii si irraa deebisu si waliin ta'uu irraa hin deemu, ati isaanitti tola ooluu fi isaan badii sitti hojjachuu irraa waan dabbatte kana waan ati itti fufteen.