+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«لَيْسَ الْوَاصِلُ بِالْمُكَافِئِ، وَلَكِنِ الْوَاصِلُ الَّذِي إِذَا قُطِعَتْ رَحِمُهُ وَصَلَهَا».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 5991]
المزيــد ...

Abdullaah ilma umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
"Firooma fufaan waan isaaf godhan irratti galata kan deebisu osoo hin taane, garuu firooma fufaan isa yeroo firummaan isaa muramte isii fufuudha".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 5991]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himan Dhugumatti firooma fufuu fi firatti tola ooluu keessatti namni guutuun nama toltuu toltuun deebisuu miti, Dhugumatti firooma fufaan kan firooma fuufuu keessatti guutuu ta'e isa yeroo firoomni isaa muramte isii fufuudha, yoo isatti balleessanillee; inni immoo isaanitti tola ooluun isaaniif deebisa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Firooma fufuun shari'aa keessatti fudhatama qabu kan si mure fufuudha, nama si miidheef irra darbuu fi nama si dhoorgateef kennuudha malee fufuu galata deebisuutii fi kafallaatii miti.
  2. Firooma fufuun toltuu irraa qabeenya, du'aa'ii, toltuutti ajajuu, hamtuu irraa dhoorguu fi kan kana fakkaatan qaqqabsiisuun ta'a, akkasumas waan danda'ameen hamtuu isaan irraa deebisuun ta'a.
dabaltii