عَن زَيْدِ بْنِ خَالِدٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ جَهَّزَ غَازِيًا فِي سَبِيلِ اللَّهِ فَقَدْ غَزَا، وَمَنْ خَلَفَ غَازِيًا فِي سَبِيلِ اللَّهِ بِخَيْرٍ فَقَدْ غَزَا».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2843]
المزيــد ...
Zayd ibnu khaalid irraa akka odeeffameetti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2843]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni worra karaa Rabbii keessatti duula godhuuf sababoowwan imala isaatii fi meeshaa woraanaa, geejjiba, nyaata, baasii fi kan biroo irraa waan inni itti haa jomu qopheesseef; inni akka nama duuleeti, mindaan duultotaas isaaf argama jechuu himani.
Akkasumas namni dhimma nama duulee toltuun itti gaafatamummaa fudhatee, yeroo inni qe'ee irraa fagaatutti maatii isaa eeguu keessatti bakka isa irraa bu'e inni akkuma nama duuleetti lakkaawama jechuu himani.