+ -

عَن سَهْلِ بْنِ حُنَيْفٍ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ سَأَلَ اللهَ الشَّهَادَةَ بِصِدْقٍ بَلَّغَهُ اللهُ مَنَازِلَ الشُّهَدَاءِ، وَإِنْ مَاتَ عَلَى فِرَاشِهِ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1909]
المزيــد ...

Sahal bin huneef irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin nama dhugaan shahiidummaa isa gaafate sadarkaa shahiidotaatiin isa ga'a, firaasha isaa irratti yoo du'ellee».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1909]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni karaa Rabbii irratti shahiidummaa fi ajjeefamuu gaafate, niyyaa isaa sana keessatti immoo dhugaa fI ikhlaasa qabaate, niyyaa isaa dhugaa sanaan Rabbiin sadarkoolee shahiidotaa isaaf akka kennu himani, jihaadaan alatti firaasha isaa irratti yoo du'ellee.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Waan danda'amu hojjataa niyyaan dhugoomuun sababaa mindaa fi ajrii yaadanitti ittiin ga'anidha, hojii barbaadamu sana yoo hin hojjannellee.
  2. Jihaadaa fi karaa Rabbii keessatti shahiidomuu barbaaduutti kakaasuutu keessa jira.
  3. Kabajaa Rabbiin ummata kanaaf godhe, hojii xiqqoodhaan jannata keessatti sadarkaa olaanaa isaaniif kenna.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani