+ -

عَنِ ابْنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«سَتَكُونُ أَثَرَةٌ وَأُمُورٌ تُنْكِرُونَهَا» قَالُوا: يَا رَسُولَ اللَّهِ فَمَا تَأْمُرُنَا؟ قَالَ: «تُؤَدُّونَ الحَقَّ الَّذِي عَلَيْكُمْ، وَتَسْأَلُونَ اللَّهَ الَّذِي لَكُمْ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3603]
المزيــد ...

Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan:
"Haqa walii galaatiin of jaallachuu fi wantoonni hedduun isin isii mormitan ta'uuf taa'an" Sahaabonnis akkana jedhanii gaafatan: Yaa Ergamaa Rabbii yeroo sana maalitti nu ajajju? isaanis ni jedhan: "Haqa isin irra jiru raawwataniiti haqa keessan Rabbiin kadhattan".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3603]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni qabeenya muslimootatii fi dhimmoota duniyaa biroo dhunfatanii akka barbaadan itti hoojjatanii fi haqa muslimoota kan isii keessa jiru kan isaan dhoorgatan akka muslimoota hoogganuu taa'an himan. Amantii keessatti isaan irraa wantoonni jibbamoon akka argamaniis himaniiru. Sahaabaan -Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu akkana jedhanii gaafatan: Haala sana keessatti maal gochuu qabna? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan qabeenyan kophaa bahuun dhageettii fi isaanii ajajamuu irraa dirqama isin irra jiru bahachuu irraa isin hin dhoorgu jedhanii itti himan, inumaayyuu obsaa, isaan dhagayaa, isaanifis ajajamaa, aangos isaan harkatti hin qabinaa, haqa keessan Rabbiin kadhadhaa, akkasumas Rabbiin akka isaan tolchee hamtuu isaanitii fi miidhaa isaan deebisu Isa kadhadhaa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni nubuwwumma Ergamaa Rabbii irratti ragoolee nama qajeelchan keessaa isa tokkoodha, maalif jennaan waan fuul duratti ummata isaanii keessatti argamuu taa'u himaniiti akkuma isaan himanitti argame.
  2. Nama tokko balaa isarra ga'uuf deemu itti himuun ni danda'amaadha, sababni isaas akka inni waan saniif lubbuu isaa qopheessuuf jecha, yeroo balaan sun irra gayetti obsee mindaa isaa Rabbiin irratti herregata.
  3. Qur’aanaa fi Hadiisa jabeessanii qabachuun qormaataa fi garaagarummaa keessaa karaa ittiin ba’aniidha.
  4. Haala beekamaa ta'een hooggantoota dhagayuu fi isaanii ajajamuu irratti kakaasuudha, akkasumas osoo miidhan isaan irraa argameellee isaan irratti finciluu dhabuu irratti kakaasuudha.
  5. Yeroo qormaataa keessatti ogummaa fayyadamuu fi Sunnaa hordofuudha.
  6. Ilmi namaa osoo ofii isaatii miidhamallee ta'ee haqa isa irra jiru raawwachuudha qaba.
  7. Hadiisichi qaa'idaa (bu'ura) akkana jedhuuf ragaadha: Hamtuu lama keessaa isa xiqqaa ykn waan nama miidhu lama keessaa isa miidhan isaa irra salphaatu filatam.