+ -

عن عُبَادَةَ بن الصَّامتِ رضي الله عنه قال:
بَايَعْنَا رسولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم على السَّمْعِ وَالطَّاعَةِ فِي الْعُسْرِ وَالْيُسْرِ، وَالْمَنْشَطِ وَالْمَكْرَهِ، وعلى أَثَرَةٍ علينا، وعلى أَلَّا نُنَازِعَ الْأَمْرَ أهلَه، وعلى أَنْ نَقُولَ بِالْحَقِّ أينما كُنَّا، لا نَخَافُ في الله لَوْمَةَ لَائِمٍ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 1709]
المزيــد ...

ūbaadaa ilma Al-saamit irraa akka gabaafametti Rabbiin irraa haa jaalatu akkana jedhe:
Ergamaa Rabbiitif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo rakkinaa fi yeroo bal'inaattis, yeroo hawwinuu fi yeroo jibbinuttis dhaggeeffachuu fi ajajamnuuf, akkasumas nu irratti dhiibbaan uumamus, dhimma tokkollee warra dhimmichaa waliin wal falmuu dhiisuuf , akkasumas bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuuf, Allaahif jennee, komii komataa sodaatuu dhabuuf amanamummaan waadaa seenneerra.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 1709]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warra aangoo qabaniifi bulchitootaf akka ajajaman kakuu fi waadaa Sahaabaa irraa fuudhaniiru. Bal'inaa fi rakkina keessatti, haala qabeenyaafi hiyyummaa keessatti ajajni isaanii waan lubbuun hawwitu ykn jibbitu yoo ta’es, Bulchitoonni qabeenya waliigalaatin yookaan aangodhaan yookaan waan birootiin ummata irra osoo of jaalatanillee gaarummaadhaan isaan dhagahuu fi isaanif ajajamuun dirqama ta'a, akkasumas isaan irratti finciluu dhiisuunis dirqama; sababni isaas rakkoo fi badii isaanin loluu keessatti argamuutu badii sababaa miidhaa isaanitiin argamu irra hamaa fi cimaa waan ta’eef jecha, waan isaan waadaa galan irraa bakka kamittuu sana keessatti Rabbiif qulqulleessanii warra isaan komatu osoo hin sodaanne dhugaa dubbachuudha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bu'aan bulchitoota dhaggeeffachuu fi ajajamuu Muslimoota tokkoomsuu fi qoqqoodinsa diduudha.
  2. Hoggantoota dhimma ummataatif Yeroo bal'inaa fi rakkinaatti yeroo fedhiin jiruu fi jibbaan jirus, danqee dhiibbaa isaanii waliinis waan Allaahin diduun keessa hin jirreen, isaanif dhagahuu fi ajajamuun dirqama ta'uudha.
  3. Allaahif jennee, komii komataa osoo hin sodaatin Bakka jirru hundatti dhugaa dubbachuun dirqama ta'uudha.