+ -

عن عرفجة رضي الله عنه قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«مَنْ أَتَاكُمْ وَأَمْرُكُمْ جَمِيعٌ عَلَى رَجُلٍ وَاحِدٍ، يُرِيدُ أَنْ يَشُقَّ عَصَاكُمْ، أَوْ يُفَرِّقَ جَمَاعَتَكُمْ، فَاقْتُلُوهُ».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1852]
المزيــد ...

Arfaajaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- kan akkana jedhanin dhagahe:
"Osoo dhimmi keessan nama tokko irratti walitti qabamee jiruu, nama gargar isin baasee tokkummaa keessan balleessuuf gara keessan dhufe ajjeesaa".

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1852]

Ibsaa

Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu Muslimoonni bulchaa tokkoo fi garee tokko irratti yoo walitti qabamanii, eegasii namni motummaa isatti falmuu barbaadu yoo dhufe, ykn Muslimoota garee tokkoo adda babaasuu barbaadu yoo dhufe, isa dhoorganii isaan loluun dirqama isaan irratti akka ta'e ibsan, sababni isaas miidhaa isaa ofirraa deebisanii dhiigni muslimootaa akka gad hin jigne taasisuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف azriffaa okraaniffaa الجورجية
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Yoo dilitti nama hin ajajin, bulchaa Muslimaa dhaggeeffachuu fi isaaf ajajamuun dirqama tahuu fi isa irratti ficiluun haraama ta'uudha.
  2. Namni imaama Muslimootaa fi garee isaanii irratti fincilu sadarkaa, kabajaa fi hidda dhaloota isaa osoo hin ilaalin isaan loluun dirqama ta'aadha.
  3. Tokkummaa irratti kakaasuudha, akkasumas wal qoqqooduu fi walii galuu dhabuu dhiisuu irratti kakaasuudha.