1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. sadarkaaleefii naamusoota

Hadiisa Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عُمَرَ رضي الله عنهما أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَامَ بَعْدَ أَنْ رَجَمَ الْأَسْلَمِيَّ فَقَالَ:
«اجْتَنِبُوا ‌هَذِهِ ‌الْقَاذُورَةَ الَّتِي نَهَى اللَّهُ عَنْهَا فَمَنْ أَلَمَّ فَلْيَسْتَتِرْ بِسِتْرِ اللَّهِ وَلْيُتُبْ إِلَى اللَّهِ، فَإِنَّهُ مَنْ يُبْدِ لْنَا صَفْحَتَهُ نُقِمْ عَلَيْهِ كِتَابَ اللَّهِ عز وجل».

Abdullaah ibnu Umar irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda namicha Al-Aslamiyyi jedhamu dhagaan cafaqanii ajeessanii booda, akkas jedhani:
«Hojii fokkataa Rabbiin irraa isin dhoorge kana irraa fagaadhaa, namni isa hojjate girdoo Rabbiitiin of haguugee Rabbitti haa toobatu, nama badii isaa nuuf ibse immoo, kitaaba Rabbii guddaa irrattii hundaa'uun adabbii isa irratti raawwanna».

sirrii رواه الحاكم والبيهقي almustadrak alalssahiiheyni - 7615

Ibsa

Ibnu Umar akkas jechuun hime -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- booda Maa'iz ibnu Maalik Al-Aslamiin irratti adabbii sagaagalummaa hojii irra oolchanii, ka'anii dhabbachuun akkas jechuun namootatti khuxbaa godhani: Badii fokkataa kanaa fi badiiwwan Rabbiin irraa dhoorge fokkatoo biroo irraas fagaadhaa, namni badiitti kufe waa lamatu dirqama isarratti ta'a: Ini jalqabaa: badii raawwate himuu dhiisee, akkuma Rabbiin badii isaa dhokseefitti of dhoksuudha. Lammaffaan: badii sana irra turuu dhiisee, tawbaan gama Rabbiitti jarjaruu, nama badiin isaa ifa nuuf gale adabbiii badii sanaaf kitaaba Rabbii keessatti dubbatame isa irratti raawwanna.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Gabricha lubbuun isaa badii hojjatteef badii isaa dhoksuu fi gidduu isaatii fi gidduu Rabbiitti akka tawbatutti kakaasuutu keessa jira.
  2. Badiin nama adabsiisu, hooggantoota bira geenyaan, adabbii sana hojii irra oolchuun dirqama ta'a.
  3. Badiiwwan irraa fagaachuu fi irraa tawbachuun dirqama ta'uu isaa.

Hiikkaawwan dhiheessuu

58 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو