+ -

عن مَعقِلِ بن يَسار المُزَنِيّ رضي الله عنه قال: إني سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول:
«مَا مِنْ عَبْدٍ يَسْتَرْعِيهِ اللهُ رَعِيَّةً، يَمُوتُ يَوْمَ يَمُوتُ وَهُوَ غَاشٌّ لِرَعِيَّتِهِ، إِلَّا حَرَّمَ اللهُ عَلَيْهِ الْجَنَّةَ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح مسلم: 142]
المزيــد ...

Ma'aqil ilma Yasaar al-muzanii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ani dhugumatti Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jdhuun dhaga'e jedhe:
"Gabrichi kamuu kan Rabbiin ummata akka hoogganu isa godhee, guyyaa du'u haala ummata isaa ganeen yoo kan du'u ta;e, Rabbiin jannata haraama isa irratti taasisu malee hin hafu".

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha muslim - 142]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi nama Rabbiin ol ta'e ummata irratti hogganaa fi itti gaafatamaa taasisee, itti gaafatamummaa waliigalaa kan akka bulchaas ta'ee yookaan itti gaafatamummaa dhuunfaa kan akka namichi mana isaa irratti ta'uu fi dubartiin mana isii irratti ta'uu ta'us, yoo haqa ummataa keessatti hirdhisee, isaan ganee gorsas isaan hin gorsine, akkasumas haqa isaanii diinii fi duuniyaa yoo balleesse, dhugumatti adabbii jabaa kana haqa godhatee jira.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sodaachisni kun hoogganaa olaanaa fi bakka bu'oota isaa qofa hin ilaallatu, hunduma nama Rabbiin itti gaafatamummaa isaaf kennee ilaallata.
  2. Dirqamni hunda nama dhimma muslimootaa irratti muudamee toltuu isaaniif yaaduudha, akkasumas amaanaa isaa geessuu fi ganuu irraa of eeguu keessatti carraaquudha qaba.
  3. Itti gaafatamummaan hunda nama muudama wolii galaa yookaan muudama dhuunfaa fudhatee, guddaas ta'u xiqqaa, guddaa ta'uu isaa agarsiisa.