+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بنِ مَسْعُودٍ رضي الله عنه أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«سِبَابُ المُسْلِمِ فُسُوقٌ، وَقِتَالُهُ كُفْرٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 48]
المزيــد ...

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- akkana jedhan:
«Musliima arrabsuun fisqii/safuu dhabuu dha, isan loluun ammoo kufriidha».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 48]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- muslimni tokko obboleessa isaa kan muslimaa arrabsuu fi jeequu irraa dhoorgan, Kunis safuu dhabuudha, jechuunis Rabbii fi Ergamaa Isaatiif -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ajajamuu irraa bahuudha, Muslimni tokko obboleessa isaa muslimaatin loluun gochoota kufrii irraayi, haa ta'u malee inni kufrii xiqqaa dha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gurraa fi dhiiga Muslimaa kabajuun dirqama tahuudha.
  2. Booddeen nama muslimaa haqaan maletti arrabsuu guddaa ta'uudha, Namni haqaan malee muslima arrabsu Faasiqa/nama karaa Rabbii irra bahe taha.
  3. Muslima arrabsuu fi isaan loluun iimaana akka laaffisee, xiqqeessuudha.
  4. Gochoonni tokko tokko kufrii jedhaman; sadarkaa Kufrii guddaa amantii Islaamaa keessaa nama baasu osoo gayuu baatanillee.
  5. Akka waliigaltee warra Sunnaatti, asitti kufritti kan fedhame kuffrii xiqqaa amantii keessaa nama hin baafneedha; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e bakka yoo waldhabdee fi walfalmiin gidduu mu'umintootatti uumametti obbolummaa amantii amantootaaf mirkaneessee jira waan ta'eef jecha, akkas jedhe: (gareen amantootaa lama yoo wal lolan gidduu isaanii araarsaa) hanga (Mu'umitoonni Obbolaa dha) jechuu bira gayutti.