+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«إِيَّاكُمْ وَالظَّنَّ؛ فَإِنَّ الظَّنَّ أَكْذَبُ الْحَدِيثِ، وَلَا تَحَسَّسُوا، وَلَا تَجَسَّسُوا، وَلَا تَحَاسَدُوا، وَلَا تَدَابَرُوا، وَلَا تَبَاغَضُوا، وَكُونُوا عِبَادَ اللهِ إِخْوَانًا».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6064]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkas jedhan:
“Seehaa (namii) irraa fagaadhaa; Dhugumatti seehaan irra soba haasawaati, hamtuu namaa beekuuf hin yaalinaa, wal hin basaasinaa, wal hin hin hassadinaa, dugda walitti hin galinaa, wal hin jibbinaa, Gabroota Rabbii obboleewwan ta’aa.”

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6064]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota Muslimoota gidduutti wal qoqqooddaa fi diinummaatti nama geessan irraa dhoorgan. Sana keessaa:
(Seehaadha) inni shakkii ragaan maletti qalbii keessatti argamu yoo ta’u, inni haasaa sobaa keessaa tokko akka ta'e ibsan.
(Hamtuu beekuuf yaaluudha): inni hamtuu namootaa ijaan ykn gurraan beekuuf yaaluudha.
(Wal basaasuudha): inni dhimmoota irraa waan dhokataa ta'e barbaaduudha, yeroo baay’ee isa hamtuu keessatti itti fayyadamama.
(Inaaffaadha) inni argannaa ni'imaa namaaf jibbuudha.
(Dugda walitti galuudha) inni gariin namootaa garii irraa gara galuun argama, obboleessa isaa Muslima salaamataa hin jedhuun, akkasumas isa hin ziyaaru,
(Wal jibbuudha) wal irraa baqachuudha, akkasumas wal rakkisuun, fuula walitt gurraachessuu fi amala badaan wal simachuun jibbansa walii muldhisuudha.
Eegasii jecha of keessatti waa hedduu hammatu kan isaan wajji jireenyi muslimootaa tolu wahiiti dubbatan,innis: (Gabroota Rabbii obboleewwan ta'aa.) jechuudha. Obbolummaan haada walitti dhufeenya namoota gidduu jiru isaan tolu, akkasumas gidduu isaanitti jaalalaa fi walitti dhiheenya dabala.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Seehaan badaan badaan nama mallattoon isaa irraa mul’ate hin miidhu, mu’uminni qaruutee fi gamna ta’uu qaba malee namoota hamaa fi badii dalaganiin gowwoomfamuu hin qabuudha.
  2. Ergaan dabarsuuf yaadame, shakkii lubbuu namaa keessa qubatu irraa akeekkachiisa kennuudha,akkasumas yoo tasa kan argamu ta'e akka qabatee waliin hin turre akeekkachiisuudha, wanni lubbuu irra dhufu kan isa keessatti hin raggaane immoo rakkoo hin qabu.
  3. Wantoota waldhabdee fi addaan bahuu miseensota hawaasa Muslimaa gidduutti fidan, kan akka wal basaasuu, inaaffaa fi kan kana fakkaatan haraamessuudha.
  4. Gaarii walii yaaduu fi wal jaallachuu keessatti muslimni obboleessa muslimaa akka obboleessa dhalootatti ilaaluu akka qabu dhaamsa dabarsuudha.