1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. yaaminsaafii gorsa

Hadiisa Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a

عن أبي هريرة رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم أنه قال:
«مَنْ ‌خَرَجَ ‌مِنَ ‌الطَّاعَةِ، وَفَارَقَ الْجَمَاعَةَ فَمَاتَ، مَاتَ مِيتَةً جَاهِلِيَّةً، وَمَنْ قَاتَلَ تَحْتَ رَايَةٍ عِمِّيَّةٍ، يَغْضَبُ لِعَصَبَةٍ، أَوْ يَدْعُو إِلَى عَصَبَةٍ، أَوْ يَنْصُرُ عَصَبَةً، فَقُتِلَ، فَقِتْلَةٌ جَاهِلِيَّةٌ، وَمَنْ خَرَجَ عَلَى أُمَّتِي، يَضْرِبُ بَرَّهَا وَفَاجِرَهَا، وَلَا يَتَحَاشَى مِنْ مُؤْمِنِهَا، وَلَا يَفِي لِذِي عَهْدٍ عَهْدَهُ، فَلَيْسَ مِنِّي وَلَسْتُ مِنْهُ».

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
"Namni ajajamuu dhiisee jamaa'aa muslimtootaa irraa adda bahee du’e, du’a wallaalummaa du’a, Namni alaabaa gosaatin, garee tokko jalatti qabsaa’e kan garee sanaaf dheekkamu ykn garee sanatti waamu, ykn garee osoo tumsuu ajjeefame inni ajjeechaa wallaalummaa ajjeefame, Namni ummata kiyya irratti fincila kaase, nama qajeelaa fi kan safuu hin qabne irrattis duulu, kan mu'uminootaaf dantaa hin qabne, kan waadaa gale hin raawwanne, inni ana irraa anis isa irraa miti".

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 1848

Ibsa

Nabiyyiin, nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu, namni bulchitootaaf ajajamuu dide, garee Islaamaa Imaamaaf amanamummaa galan irraa adda bahe, haala addaan bahuu fi ajajamuu diduu sana keessatti kan du'e, du'a namoota wallaalummaa kan itti gaafatamaa isaanitiif hin ajajamnee fi kan garee tokkotti hin makamne, inumaayyuu isaan gare garee fi baandaa wal lolan kan ta'an akka du'a ibsan.
Akkasumas Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namni alaabaa isa keessatti dhugaa fi soba adda baasuu hin dandeenye jalatti qabsaa'u, amantii fi dhugaa deeggaruuf osoo hin taane, Hubannoo fi beekumsa malee kan ka'ee lolu, yoo haala kanaan du'e tahe akka warra wallaalummaatti akka du'etti lakkaa'ama jechuu himan.
Akkasumas Namni ummat isaanii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatuu- irratti fincilee qajeelaa ummatichaati fi nama safuu hin qabne rukutee, waan hojjeteef dhimma kan hin qabnee fi mu'umina ajjeessuun adabbii hin sodaanne, waadaa ummata kaafiraa fi warra aangoo qabaniif kan hin guunne, inumaayyuu kan waadaa san diigu yoo ta'e, kun dilii gurguddaa irraa lakkaa'ama, namni isa raawwatees kan doorsisa hamaa akka haqa godhatu ta'uu himan.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Hanga dilitti nama hin ajajnetti, warra itti gaafatamummaa qabaniif ajajamuun dirqama ta'uudha.
  2. Warra itti gaafatamaaf hin ajajamnee fi hawaasa muslimaa irraa adda bahaniif akeekkachiisa cimaa of keessaa qaba. Yoo haala kanaan du'e, du'a warra wallaalummaa akka du'uudha.
  3. Gosummaa loluu irraa dhoorguutu Hadiisicha keessa jira.
  4. waadaa galame raawwachuun dirqama tahuudha.
  5. Ajajamuu fi garee muslimtootaa wajji jiraachuun keessatti kheyrii guddaa, nageenya, tasgabbii fi tolinni haalaa kan jiru ta'uudha.
  6. Haala ummata wallaalaa fakkaachuu irraa dhoorguudha.
  7. garee hawaasa muslimaa waliin jiraachutti ajajuudha.

Hiikkaawwan dhiheessuu

60 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
SO Soomaali الصومالية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
KMR Kurmancî الكرمنجية