عن علي رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«رُفِعَ الْقَلَمُ عن ثلاثة: عن النائم حتى يَسْتَيْقِظَ، وعن الصبي حتى يَحْتَلِمَ، وعن المجنون حتى يَعْقِلَ».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي في الكبرى وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 4403]
المزيــد ...
Aliyyi irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».
[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin kubraa keessatti- ibnumaajhfii ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 4403]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota gosa sadeen kana malee ilmaan Aadam dirqamni yeroo hunda akka isaanin adda hin baane himani.
Daa'ima xiqqaa hangaa guuddatee baallaghutti.
akkasuma maraataa sammuu hin qabne hanga sammuun isaa isatti deebi'utti.
akkasuma nama rafu irraa hanga dammaqutti.
dirqamni kaa'amuun isaan irraa fuudhamee jira, badiin hojjatanus isaanitti hin barraa'u, garuu daa'ima xiqqaaf toltuun ni barreeffama; maraataa fi nama rafuun alatti; isaan lameen itti dhaga'amuun waan isaan irraa deemeef jecha isaan daangaa nama ibaadaan isaa sirrii taatee irraa qebalamtuu keessa waan hin jirreef jecha.