1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti

عن علي رضي الله عنه عن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«رُفِعَ الْقَلَمُ عن ثلاثة: عن النائم حتى يَسْتَيْقِظَ، وعن الصبي حتى يَحْتَلِمَ، وعن المجنون حتى يَعْقِلَ».

Aliyyi irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namoota gosa sadi irraa qalamnni fuudhameera; nama rafu hanga dammaqutti, daa'ima hanga baallaghutti, maraataa hanga sammuun itti deebi'utti».

sirrii abuu daawud, tirmizii, nasa'iin kubraa keessatti- ibnumaajhfii ahmad odeessan Sunana abbaa daawud - 4403

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoota gosa sadeen kana malee ilmaan Aadam dirqamni yeroo hunda akka isaanin adda hin baane himani.
Daa'ima xiqqaa hangaa guuddatee baallaghutti.
akkasumas maraataa sammuu hin qabne hanga sammuun isaa itti deebi'utti.
akkasumas nama rafu hanga dammaqutti.
Dirqamni kaa'amuun isaan irraa fuudhamee jira, badiin hojjatanus isaanitti hin barraa'u, garuu daa'ima xiqqaaf toltuun ni barreeffama; maraataa fi nama rafuun alatti; isaan lameen itti dhaga'amuun waan isaan irraa deemeef jecha isaan daangaa nama ibaadaan isaa sirrii taatee irraa qebalamtuu keessa waan hin jirreef jecha.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Namni itti gaafatamummaa jalaa ba'uun takkaahuu sababaa hirriba isa dammaqqii inni dirqama isaa ittiin ba'atu dhoorgeef ta'a, yookaan sababaa umurii xiqqeenyaa isa inni isaa woliin itti gaafatamummaa dhabuun ta'a, yookaan immoo sababaa maraatummaa isa isaan woliin dalagaan sammuu wol makateen ta'a, yookaan immoo waan kanatti qaqqabsiifamu kan akka machii faan ta'a, namni adda baafannaa fi hubannaa sirrii ta'e dhabe, sababoowwan sadeen kana keessaa sababaa tokkoon itti gaafatamummaan isa irraa ni ka'a; Rabbiin ol ta'e haqummaa isaatiin, obsa isaatii fi arjummaa isaatiin daangaa darbuun yookaan haqa Rabbii hirdhisuun waan nama akkanaa irraa argamu keessatti itti gafatamummaa isa irraa kaasee jira.
  2. badiin isaan irratti barraa'uu dhabuun, garii murtoo duuniyaa isaan irratti ragga'uun wol hin faallessu; sun akka maraataa nama ajjeeseeti, qisaasaa fi kaffaaraan isa irra hin jiru, garuu fira isaa irra gumaatu jira.
  3. Baallaghuuf mallattoo sadi'itu jira: hirriba keessaa fi karaa biroon bishaan sanyii dhangala'uudha, yookaan naannawa qaama saalaatti rifeensi biqiluudha, yookaan woggaa kudha shan guutuudha, dubartiin waan afraffaa dabalatti: innis laguudha.
  4. Aalimni islaamaa Assubkiin akkas jedhe: daa'imni gurbaadha, kan biroos akkana jedhe: mucaan garaa haadha isaa keessatti miciree jedhama, yeroo dhalate daa'ima jedhama, yeroo harma gu'e immoo hanga woggaa torbaatti gurbaa jedhama, eegasii hanga woggaa kudhaniitti korree jedhama, eegasii hanga woggaa kudha shaniitti dargaggeessa jedhama, kan mirkanaan dubbatamu haalowwan kanneen hunda keessatti inni daa'ima jedhamee waamamuudha, assuyuuxiitu kana jedhe.

Hiikkaawwan dhiheessuu

51 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية