1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti haasofte dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ اللَّهَ تَجَاوَزَ عَنْ أُمَّتِي مَا حَدَّثَتْ بِهِ أَنْفُسَهَا، مَا لَمْ تَعْمَلْ أَوْ تَتَكَلَّمْ».

Abuu Hurayraa iraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ummata kootiif waan lubbuun isaanii isaanitti haasofte dhiiseefii jira, hanga isa hin hojjatinitti yookaan hanga isa hin dubbatinitti».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha bukhaarii - 5269

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- muslimni haasawa hammeenyaa kan lubbuun isaa haasoftuuf akka itti hin gaafatamne himani, yoo isa hojjate yookaan isa dubbate malee, Rabbiin ilma namaa irraa rakkina waan kaasee fi dhiifama waan godheef, Rabbiin waan qalbiin isa irratti osoo hin ragga'inii fi isa biratti hin qubatin sammuu keessatti argamee lubbuu keessa asiif achi dedddeemeen ummata muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin qabu; qalbii isaa keessatt wanti akka quufaa yookaan boonaa yookaan nifaaqaa qalbii isaa keessatti yoo ragga'e yookaan qaama isaatiin hojjate yookaan arraba isaatiin jedhe wantoota kana itti gaafatama.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Rabbiin ol ta'e yaadowwanii fi waan sammuu ilma namaa keessa deddeebi'an kan lubbuu isaa irra dhudhufanii jennaan lubbuu isaatti dubbatee qalbii isaa irra dabaran irra darbee dhiisee jira.
  2. ilmi namaa xalaaqii(hiikkaa) yaadee, qalbii isaa irra dhufee, garuu immoo yoo isa baafatee hin dubbannee fi hin barreessine, xalaaqii irraa hin lakkaa'amu.
  3. haasofni lubbuu yoo akkam jabaa ta'ellee hanga qalbii isaa irratti hin ragga'inittii fi itti hin hojjatinitti yookaan isa hin dubbatinitti ilmi namaa itti hin gaafatamu.
  4. sadarkaan ummata Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guddaa ta'uu isaa, waan haasawa lubbuutiin qabamuu dhiisuun kan isaanii qofa ta'eef jecha, faalla uummattoota nu dura dabraniitiin.

Hiikkaawwan dhiheessuu

51 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية