عن أبي مَرْثَدٍ الغَنَوِيّ رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«لَا تَجْلِسُوا عَلَى الْقُبُورِ، وَلَا تُصَلُّوا إِلَيْهَا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 972]
المزيــد ...

Abuu Marsad Al-Ganawii irraa akka gabaafametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Qabriiwwan irra hin taa'inaa, isiitti gara galtaniis hin salaatinaa».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 972]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabriiwwan irra taa'uu irraa dhoorgani.
akkuma qabriiwwanitti garagalanii salaatuu irraa dhoorganitti, qabriin kallattii qiblaa nama salaatuutiin haala ta'een; sun karaa shirkiitti qaqqabsiisu waan ta'eef jecha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkuma sunnaan ragga'etti salaata janaazaa malee qabriiwwan keessatti yookaan isii gidduutti yookaan kallattii isiitti salaatuun dhoorgaa ta'uu isaa.
  2. Qabriiwwanitti garagalanii salaatuun kan dhoorgameef karaa shirkiitti geessu cufuuf jecha.
  3. Islaamummaan qabrii keessatti daangaa darbuu fi isa xiqqeessuu irra dhoorge, daangaa darbuunis laaffisuunis hin jiru.
  4. Kabajaan muslimaa booda du'a isaatiis akka jiruudha, ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- (lafee du'aa cabsuun fayyaa isaa akka cabsuuti) waan jedhaniifi.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa dabaltii (62)