+ -

عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المؤمنين رضي الله عنها:
أَنَّ أُمَّ سَلَمَةَ ذَكَرَتْ لِرَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَنِيسَةً رَأَتْهَا بِأَرْضِ الْحَبَشَةِ، يُقَالُ لَهَا مَارِيَةُ، فَذَكَرَتْ لَهُ مَا رَأَتْ فِيهَا مِنَ الصُّوَرِ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أُولَئِكَ قَوْمٌ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الْعَبْدُ الصَّالِحُ، أَوِ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكَ الصُّوَرَ، أُولَئِكَ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 434]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu-:
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabricha gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayan warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 434]

Ibsaa

Haati Mu’mintootaa Ummu Salaamaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Rasuulaaf -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himte isheen yeroo biyya Habashaa turtetti, bataskaana - Maariyah jedhamtu - kan ishee keessatti suuraaleen, faayaa fi fakkiiwwan adda addaa kan argitee turte isaanii himte; sana baay'ee ajaa'ibsiifatuuf jecha! Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababoota fakkiiwwan kanneen kaa’aniif ibsaniiru. Akkas jedhaniin: Isaan keessaa namni gaariin tokko yoo du’e qabrii isaa irratti masjiida itti salaatan ijaaru, suuraalee sanas ni tolchu, Namni waak akkasii hojjatu Rabbii ol ta'e biratti irra badaa uumamaa akka ta'ees ibsaniiru; Sababni isaas gochi isaa gara Rabbii ol ta'etti waan biroo qindeessutti nama geessuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sababoota shirkii ugguruuf jecha qabrii irratti masjiida ijaaruun, yookaan ishee biratti salaatuun, yookaan masjiida keessatti nama du'e awwaaluun haraama ta'uudha.
  2. Masjiidota qabrii irratti ijaaruu fi fakkiiwwan isa keessa kaa’uun hojii yahuudaa fi kiristaanotaa yoo ta’u, namni kana godhu isaanitti fakkaateera.
  3. Fakkii wantoota lubbuu qabanii godhachuun haraama ta'uudha.
  4. Namni qabrii irratti masjiida ijaaree fakkii keessa kaa’e inni irra badaa uumama Rabbii ol ta'eeti.
  5. Karoowwan shirkitti nama geessuu danda'an cufuudhaan eegumsa guutuu ta'e kan tawhiidaaf gooteedha.
  6. Namoota gaggaarii keessatti daangaa dabruu irraa dhoorguudha; sababni isaas shirkii keessatti argamutti waan nama geessuuf jecha.