+ -

عَنْ أُمِّ سَلَمَةَ أُمِّ المُؤمنين رضي الله عنها: أَنَّ رَسُولَ اللهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ:
«سَتَكُونُ أُمَرَاءُ فَتَعْرِفُونَ وَتُنْكِرُونَ، فَمَنْ عَرَفَ بَرِئَ، وَمَنْ أَنْكَرَ سَلِمَ، وَلَكِنْ مَنْ رَضِيَ وَتَابَعَ» قَالُوا: أَفَلَا نُقَاتِلُهُمْ؟ قَالَ: «لَا، مَا صَلَّوْا».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 1854]
المزيــد ...

Ummu Salamaa Haadha Mu’mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu-: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Mootonni ni argamu, isinis hojii isaan irraa waan beektanii jaallattanii fi waan mormitan qabdu, Kanaafuu namni beeke bilisa baha, namni morme immoo nagaa ta’a, namni jaallatee isaan duuka bu'e ni bada" ni jedhan (sahaaboonni): Nuti isaanin loluu hin qabnuu? Isaanis ni jedhan: “Lakkii, waan isaan salaata salaataniin”.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 1854]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni nuti garii hojii isaanii waan isheen seera shari'aatiin wal galteef jecha beeknu, garii ishee immoo seera shari'aa waan faalleessituuf jecha kan morminu akka nu irratti muudaman nutti himan. Namni qalbii isaa keessatti badii jibbee arrabaan itti dubachuu dadhabe; Cubbuu fi fakkeessummaa irraa bilisa ta’e. Namni harka isaatiin ykn arraba isaatiin mormuu danda’ee isaan irratti gocha sana morme badii fi ishee keessatti hirmaachuu irraa nagaa bahe. Garuu namni hojii isaaniitti jaallatee isaan duukaa bu’e akkuma isaan badanitti ni bada.
Eegasii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii gaafatan: Bulchiitoota amala kana qabanniin loluu hin qabnuu? isaanis sana irraa isaan dhoorganii, akkana jedhan: Lakkii, hanga isaan isin gidduutti salaata dhaabanitti isaanin hin lolinaa.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Wantoota Nabiyyummaa isaanii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama qajeelchan keessaa wantoota yeroo saniif hin jirre kan fuulduratti dhufan himanii akkuma isaan himanitti argamuu isaaniiti.
  2. Badii jaallachuu fi isa keessatti hirmaachuun akka hin taane fi isa balaaleffachuun dirqama akka ta'eedha.
  3. Mootonni waan shari’aa faallessu yoo hojjetan sana keessatti isaaniif ajajamuun hin hayyamamuudha.
  4. Bulchitoota Muslimootaa irratti fincila kaasuun hayyamamuu dhabuudha; Sababa badiin guddaan, dhangala’uun dhiigaatii fi tasgabbiin nageenyaa dhabuun sana faana dhufuuf jecha, rakkina isaanii irratti obsuutu sana irra salphaadha.
  5. Salaanni garaagarummaa kufrii fi Islaamummaa waan taateef jecha dhimmi ishee cimaa ta'uudha.