عَنْ أَبِي رُقَيَّةَ تَمِيمِ بْنِ أَوْسٍ الدَّارِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«الدِّينُ النَّصِيحَةُ» قُلْنَا: لِمَنْ؟ قَالَ: «لِلهِ وَلِكِتَابِهِ وَلِرَسُولِهِ وَلِأَئِمَّةِ الْمُسْلِمِينَ وَعَامَّتِهِمْ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [الأربعون النووية: 7]
المزيــد ...
Abuu Ruqiyyaa Tamiim ibnu Aows Addaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
"Amantaa jechuun gaarii yaaduudha" ni jenne: eenyuufi? ni jedhan: "Rabbiifi, kitaaba Isaatiifi, ergamaa Isaatiif, dureewwan muslimootaatii fi hunduma isaanitiifi".
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [الأربعون النووية - 7]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Amantiin Rabbiif qulqulleessanii hojjachuu fi dhugaa irratti akka gadi dhaabbate himani, sunis kan ta'e akkuma Rabbiin dirqama taasisetti, hir'isaan maletti yookaan gowwoosaan maletti, guutuu ta'ee akka raawwatamuufi. Nabiyyiidhaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nasiihaan (gorsi) eenyuuf ta'a? jedhamee jennaan, akkas jedhani: Jalqaba: Rabbiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u, hojii kee Rabbiif qulqulleesuu fi isatti qindeessuu dhabuun, Rabbummaa isaa, gabbaramummaa isaatii fi maqoolee fi sifaata isaatti amanuun, ajaja isaa ulfeessuu fi isatti amanuutti waamuuni. lammaffaan: Kitaaba Rabbiitiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha) innis Qur'aana kabajamaadha: kunis kan ta'u haasaa Rabbii ta'uu isaa, xumura kitaabolee isaa ta'uu fi shari'aawwan isaan dura turan hundas kan haqe ta'uu isaatti amanuuni, akkasumas isa ulfeessina, akka dubbifamuu qabuttis isa dubbifna, murtoo isaa ifa galaa ta'ettis ni hojjanna, wol fakkaataa isaas itti amannee fudhanna, jijjiirraa worra isa jallisanuu irraas isa eegna, gorsa isaatiinis ni gorfamna, beekumsa isaas ni facaafna, isattis ni waamna. Sadaffaan: ergamaa Rabbii Muhammadiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nasiihaa gochuudha (yaaduudha): sunis kan ta'u, ergamaa xumuraa ta'uu isaaniitti amanuun, waan isaan ittiin dhufan dhugeessuun, ajaja isaanii hojii irra oolchuun, waan isaan irraa dhoorgan irraa fagaachuun, waan isaan ittiin dhufaniin malee Rabbiin gabbaruu dhiisuun, haqa isaanii jabeessuun, isaan ulfeessuun, waamicha isaanii facaasuun, kara isaanii diriirsuu fi maqa balleessii isaan irraa mormuuni. Afraffaa: Dura buutota Muslimootaatiif nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u haqa irratti isaan gargaaruun, aangoo isaaniin falmuu dhabuu fi Rabbiif ajajamuu keessatti isaan dhaga'uuni. Shanaffaan: Muslimootaaf nasiihaa gochuudha (yaaduudha): kunis kan ta'u; tola isaanitti ooluun, islaamummaatti isaan waamuun, waan isaan rakkisu isaan irraa qabuun, toltuu isaaniif jaallachuu fi toltuu fi sodaa Rabbii keessatti isaaniin wol gargaaruuni.