عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ صَخْرٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْت رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّم يَقُولُ:
«مَا نَهَيْتُكُمْ عَنْهُ فَاجْتَنِبُوهُ، وَمَا أَمَرْتُكُمْ بِهِ فَافْعَلُوا مِنْهُ مَا اسْتَطَعْتُمْ، فَإِنَّمَا أَهْلَكَ الَّذِينَ مِنْ قَبْلِكُمْ كَثْرَةُ مَسَائِلِهِمْ، وَاخْتِلَافُهُمْ عَلَى أَنْبِيَائِهِمْ».
[صحيح] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية: 9]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa Abdurrahmaan ibnu Sakhrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Waan ani irraa isin dhoorge irraa fagaadhaa, waan ani itti isin ajaje immoo hanga dandeessan isa irraa hojjadhaa, worra isiniin duraa wanti dhabamsiise, gaaffii heddummeesuu isaaniitii fi nabiyyoota isaanii irratti wol dhabuu isaaniiti».
[sirrii] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية - 9]
Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- yeroo waan tokko irraa nu dhoorgan, adda baasuun maletti irraa fagaachuun dirqama akka nurratti ta'ee fi yeroo waan tokkotti nu ajajan immoo hanga dandeenyu irraa hojjachuun akka nurra jiru ifa nuuf galchani. Eegasii akka ummatoota darbanii, kan nabiyyoota isaanii faalleessuun gaaffii isaanirratti heddummeessanii jennaan, Rabbiin gosoota badiinsaatii fi diigamiinsaatiin isaan adabee akka hin taaneef nu akeekkachiisani, kanaaf akka isaan badanitti akka hin banneef, akka isaanii ta'uu dhabuutu nurraa barbaachisa.