tarree:
+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إنَّ اللَّهَ طَيِّبٌ لَا يَقْبَلُ إلَّا طَيِّبًا، وَإِنَّ اللَّهَ أَمَرَ المُؤْمِنِينَ بِمَا أَمَرَ بِهِ المُرْسَلِينَ، فَقَالَ تَعَالَى: {يَا أَيُّهَا الرُّسُلُ كُلُوا مِنْ الطَّيِّبَاتِ وَاعْمَلُوا صَالِحًا}، وَقَالَ تَعَالَى: {يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا كُلُوا مِنْ طَيِّبَاتِ مَا رَزَقْنَاكُمْ} ثُمَّ ذَكَرَ الرَّجُلَ، يُطِيلُ السَّفَرَ، أَشْعَثَ، أَغْبَرَ، يَمُدُّ يَدَيْهِ إلَى السَّمَاءِ: يَا رَبِّ! يَا رَبِّ! وَمَطْعَمُهُ حَرَامٌ، وَمَشْرَبُهُ حَرَامٌ، وَمَلْبَسُهُ حَرَامٌ، وَغُذِيَ بِالحَرَامِ، فَأَنَّى يُسْتَجَابُ لَذلك».

[صحيح] - [رواه مسلم] - [الأربعون النووية: 10]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Rabbiin gaariidha gaarii males hin qeebalu, Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu’umintootas ajajee jira, Rabbiin ol ta’e akkas jedhe: {Yaa ergamtootaa! Wantoota gaggaarii irraa nyaadhaa hojiiwwan gaggariis hojjadhaa} ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa worra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa} eegasii namicha imala dheeressu, kan mataan isaa fajaajaa, kan quttaa'e, kan harka isaa gara samiitti diriirsuun: Yaa Rabii, Yaa Rabbi jedhu, kan nyaanni isaa haraamaa, dhugaatiin isaas haraamaa, uffannaan isaas haraamaa, kan haraamaan guddate dubbachuun, akkamumatti kadhannaan isaaf owwaatama?». jedhani.

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [الأربعون النووية - 10]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbiin gaarii, qulqulluu, hanqinaa fi mudaa irraa bilisa akka ta'e, akkasumas amaloota guutuu ta'an hundaan ibsamaa akka ta'ee fi Hojiilee, jechoota fi amantaa irraa waan gaarii ta'e malee akka hin qeeballe himan, wanta gaarii jechuun isa Rabbiif qulqullii ta'e, kan karaa Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irratti ta'eedha, sanaan malee gara Rabbitti dhihaachuun hin malu, irra guddaa wantoota hojiin mu'uminaa isaanin tolu keessaa nyaanni isaa gaarii dalagaa halaal irraa dhufe ta'uudha, Haala kanaan hojiin isaa qulqulluu ta’a, kanaaf eegaa Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintoota ajaje, sunis halaal nyaachuu fi wantoota gaggaarii hojjachuudha, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ergamtoota waan gaggaarii irraa nyaadhaa dalagaa gaaris dalagaa, dhugumatti ani waan isin hojjettan hunda beekaadha} ammas ni jedhe: {Yaa warra amantan Wantoota gaggaarii nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa}.
Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, haraama hojii balleessu nyaachuu fi sababoota qeebaltii kan mul'atan keessaa osoo hanga fedhe carraaqellee waan qeebaltii isa dhoorgu irraa akeekkachiisan, sana keessaa:
Tokkoffaa: Karoowwan kheyrii kan akka Hajjii, Jihaadaa, firummaa fufuu fi kan biroo keessatti imala dheeresuudha.
Lammaffaa: Rifeensi isaa waan hin filamneef baay’ee faaggaadha, Halluun isaa fi halluun uffata isaa xurii irraa waan jijjiirameef inni dhiphina keessa jira.
Sadaffaa: Kadhaadhaan harka isaa gara samiitti ol kaasa.
Afraffaa: Maqoota Rabbiitin gara isatti dhihaachuun sana keessatti hoonga gayuun akkana jedha: Yaa Rabbi yaa Rabbi!
Sababoota du'aa'in itti qeebalamu kanneen hojjachuu waliin isaaf hin dhaga'amne; kunis nyaanni, dhugaatii fi uffanni isaa waan haraama ta'eef jecha, akkasumas haraaman waan guddateef jecha, kanaaf nama amala akkanaa qabuuf du'aa'in qeebalamuun ni fagaata, mee akkamitti isaaf awwaatama?!

bu.aa hadiisa irraa

  1. Rabbiin ol ta'e zaata, amaloota fi murtiiwwan isaa keessatti guutuu ta'uudha.
  2. Rabbii ol ta'eef Hojii qulqulleessuu fi Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- hordofutti ajajuudha.
  3. Waan dalagaa irratti hamalee namatti godhu fayyadamuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhani: “Dhugumatti Rabbiin waan ergamtoota itti ajajetti mu'umintoota ajaje”, Mu’uminni wanti inni ajajame kun waan Ergamtoonni itti ajajaman irraayii yeroo beeke jajjabaatee ajajamuu irratti hamalee godhata.
  4. Du'aa'in akka hin awwaatamne wantoota godhan keessaa haraama nyaachuudha.
  5. Sababoota du'aa'iin itti qeebalamu keessaa wantoota shani: tokkoffaan isaanii: Imala dheeressuudha; sababni isaas cabnana nafsee kan irra guddaa sababoota du'aa'iin itti qeebalamu of keessaa waan qabuuf jecha. Lammaffaan: haala cinqii keessa jiraachuudha. Sadaffaan: Harka gara samiitti ol qabachuudha. Afraffaan: Gooftummaa isaa irra deddeebi’anii kaasuun Rabbiin kadhachuu irratti cichuudha, kunis karaalee gurguddaa du'aa'in namaa ittiin awwaatamu keessaa isa tokko dha. Shanaffaan: Nyaataa fi dhugaatii bareeffachuudha.
  6. Nyaata halaal gaarii nyaachuun sababoota hojii gaarii hojjachuu irratti nama gargaaran irraayi.
  7. Qaadiin akkas jedhe: bareedaan faallaa fokkataati, Rabbiin yoo isaan himame, inni hir'inoota irraa qulqulluu fi mudaawwan irraa bilisa ta'uu isaatu itti fedhame, gabrichi immoo yoo ittiin himame, akka inni haala badaa fi hojiiwwan fokkataa irraa bilisa ta'ee, faallaa isaatiin faayameetu itti fedhame, qabeenyi yoo ittiin himame immoo, qabeenyichi filatamaa halaala irraa ta'e ta'uu isaatu itti fedhame.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii