tarree:
+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَة رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُول اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«إنَّ اللَّهَ تَعَالَى قَالَ: مَنْ عَادَى لِي وَلِيًّا فَقْد آذَنْتُهُ بِالحَرْبِ، وَمَا تَقَرَّبَ إلَيَّ عَبْدِي بِشَيْءٍ أَحَبَّ إلَيَّ مِمَّا افْتَرَضْتُ عَلَيْهِ، وما يَزَالُ عَبْدِي يَتَقَرَّبُ إلَيَّ بِالنَّوَافِلِ حَتَّى أُحِبَّهُ، فَإِذَا أَحْبَبْتُهُ كُنْتُ سَمْعَهُ الَّذِي يَسْمَعُ بِهِ، وَبَصَرَهُ الَّذِي يُبْصِرُ بِهِ، وَيَدَهُ الَّتِي يَبْطِشُ بِهَا، وَرِجْلَهُ الَّتِي يَمْشِي بِهَا، وَإِنْ سَأَلَنِي لَأُعْطِيَنَّهُ، وَلَئِنْ اسْتَعَاذَنِي لَأُعِيذَنَّهُ».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [الأربعون النووية: 38]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Rabbiin ol ta'e ni jedhe: Nama jaalallee koo diinomfate, akkan lola isatti banu isa beeksiseera, wantoota garbichi koo hojjachuun natti dhihaatu keessaa, Wantoota ani dirqama isa irratti godhe hojjachuun natti dhihaachuu isaa caalaatti, wanti tokko kan na biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, Gabrichi koo sunnaa hojjachuun natti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hangan isa jaalladhutti. yoon isa jaaladhe immoo, dhageettii isaa kan inni ittiin dhaga'u, ija isaa kan inni ittiin argu, harka isaa kan inni ittiin qabatuu fi miila isaa kan inni ittiin deemun isaaf ta'a, (qaama isaa hamturraa isa tiiysa jechuudha) yoo na kadhate isaafin kenna, yoo natti maganfates isan tiksa».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [الأربعون النووية - 38]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisa qudsii kana keessatti, Rabbiin akka akkas jedhee jiru nutti himani: namni waliyyii waliyyoota koo irraa ta'e tokko rakkisee, isa aarsee, isa jibbe, ani isa beeksisee, diinummaa isaa labseen jira. Waliyyiin: inni nama mu'uminaa Rabbiin sodaatudha, hanguma iimaanaa fi sodaa Rabbii namtichi qabuun, waliyyummaa Rabbii irraa qoodni isaaf ta'a. Muslimni tokko wantoota inni ittiin Rabbii isaatti dhihaatu keessaa, wantoota dirqaama isa irratti ta'an, toltuu hojjachuu fi wantoota haraamaa dhiisuun, isatti dhihaachuu caalaa, wanti tokko kan Rabbiin biratti jaallatamaa ta'e hin jiru, muslimni dirqamoota hojjachuu waliin sunnaawwaniin Rabbitti dhihaachuu irraa booda hin jedhu, hanga jaalala Rabbii argatutti, jaalala Rabbii yeroo argate immoo, qaamolee afran kanneen keessatti Rabbiin isa gargaara: Dhageettii isaa keessatti isa gargaaree haqa isa qunnamsiisa, waan Rabbiin jaallachiisu malee hin dhaga'u. Argaa isaa keessattis isa gargaaree haqa isa qunnamsiisa, waan Rabbiin isa ilaaluu isaa jaallatu malee hin ilaalu. Harka isaa keessattis isa gargaaree haqa isa qunnamsiisa, harka isaatiin waan Rabbiin jaallachiisu malee hin hojjatu. Miila isaa keessattis isa gargaaree haqa isa qunnamsiisa, gara waan Rabbiin jaallachiisuutti malee hin deemu, gara waan toltuun keessa jiruutti malees hin sochoo'u. Kanumaa waliin yoo Rabbiin waa gaafate, Rabbiin waan inni gaafate isaaf kenna, kadhannaan isaa qeebalmaa ta'a, yoo Rabbitti maganfatee, akka inni isa tiksuuf gara isaatti deebi'e, Rabbiin waan inni sodaatu irraa isa eegee isa tiksas.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hadiisni kuni waan Nabiyyiin, nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu Rabbii isaanii irraa odeessan keessaa tokko yoo ta’u, inni hadiisa qudsii ykn ilaahii jedhama, jechoonni fi hiikni isaas Rabbii biraa ta’us, amaloota Qur’aanaa hin qabu. kan akka ibaadaaf jecha isa qara’uu, isaaf qulqulleeffachuu, qormaataa, isaan dadhabsiisuu fi kkf.
  2. Awliyaa/jaalalleewwan Rabbii azaa gochuu irraa dhoorguudha, akkasumas isaan jaallachuu irratti kakaasuu fi sadarkaa isaanii isaanif beekun barbaachisaa akka ta'eedha.
  3. Diinota Rabbii diina godhachuutti ajajuu fi isaanin jaalallee ta'uu haraama taasisuudha.
  4. Namni shari'aa Isaa osoo hin hordofin jaalallee Rabbii ta'uu(waliyyummaa) himatu inni himannaa isaa keessatti sobaadha.
  5. Jaalalti Rabbii(waliyyummaan) kan argamtu dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisuudhaan.
  6. Jaalalli Rabbii akka gabrichaaf argamuu fi du'aa'iin isaaf akka qeebalamu wantoota sababaa ta'an keessaa inni tokko eega dirqamoota raawwatanii wantoota haraama ta'an dhiisanii sunnaalee raawwachuudha.
  7. Kabaja awliyoota Rabbii fi sadarkaa ol’aanaa isaanii kan agarsiisuudha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii