1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira

عَنْ ابْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمَا عَنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِيمَا يَرْوِي عَنْ رَبِّهِ تَبَارَكَ وَتَعَالَى، قَالَ:
«إنَّ اللهَ كَتَبَ الحَسَنَاتِ وَالسَّيِّئَاتِ، ثُمَّ بَيَّنَ ذَلِكَ، فَمَنْ هَمَّ بِحَسَنَةٍ فَلَمْ يَعْمَلْهَا؛ كَتَبَهَا اللهُ عِنْدَهُ حَسَنَةً كَامِلَةً، وَإِنْ هَمَّ بِهَا فَعَمِلَهَا؛ كَتَبَهَا اللهُ عِنْدَهُ عَشْرَ حَسَنَاتٍ إلَى سَبْعِمِائَةِ ضِعْفٍ إلَى أَضْعَافٍ كَثِيرَةٍ، وَإِنْ هَمَّ بِسَيِّئَةٍ فَلَمْ يَعْمَلْهَا؛ كَتَبَهَا اللهُ عِنْدَهُ حَسَنَةً كَامِلَةً، وَإِنْ هَمَّ بِهَا فَعَمِلَهَا؛ كَتَبَهَا اللهُ سَيِّئَةً وَاحِدَةً».

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan Rabbii isaanii irraa odeessu keessatti Rabbiin akkas jedhe:
«Rabbiin toltuuwwanii fi badiiwwanis barreessee, eegasii san ifa galchee jira, namni toltuu takka (hojjachuu) yaadee osoo isii hin hojjatin hafe, Rabbiin toltuu guutuu of biratti isaaf barreessa, yoo isii yaadee eegasii isii hojjate immoo; toltuu kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti, hanga dachaawwan hedduu godhee of biratti isa barreessa. yoo badii tokko (hojjachuu) yaadee osoo isa hin hojjatin tawbatee dhiise immoo, Rabbiin of biratti toltuu guutuu isaa kataba. yoo isitti yaadee ka'ee hojjate immoo; Rabbiin badii tokko godhee of biratti isii kataba».

sirrii رواه البخاري ومسلم في صحيحيهما بهذه الحروف الأربعون النووية - 37

Ibsa

Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin toltuu fi badduu murteessee eegasii akka itti isii barreessan Maleekaa lameenif ibse jichuudha ifa galchan:
Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a.
Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkootu isa irratti barreeffama.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Toltuu dachaa taasisee of biratti isii barreessuu fi badii immoo dachaa taasisuu dhabuu keessatti tola gudda Rabbiin ummata kana irratti oole ifa galchuudha.
  2. Hojii keessatti barbaachisumma niyyaatii fi bu'aa isii ibsuudha.
  3. Kenna Rabbii ol tahee, mararfannaa Isaatii fi tola Isaa irraa namni toltuu tokko yaadee ka'ee isii osoo hin hojjatin hafee Rabbiin toltuutti isaaf isa barreessa.

Hiikkaawwan dhiheessuu

57 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو