عَن ابنِ عباسٍ رضي الله عنهما أنَّ رسولَ اللهِ صلي الله عليه وسلم قال:
«لَو يُعطَى النّاسُ بدَعواهُم لادَّعَى رِجالٌ أموالَ قَومٍ ودِماءَهُم، لَكِنَّ البَيِّنَةَ على المُدَّعِى، واليَمينَ على مَن أنكَرَ».
[حسن] - [رواه البيهقي، وغيره هكذا، وبعضه في الصحيحين] - [الأربعون النووية: 33]
المزيــد ...
Ibnu Abbaas irraa akka odeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Namoonni himannaa isaanii qofaan osoo kennameefii, silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. Garuu ragaa dhiheessuun nama himate irratti ta'a, kakuun immoo nama morme irratti ta'a».
[hasani] - [رواه البيهقي وغيره هكذا وبعضه في الصحيحين] - [الأربعون النووية - 33]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni ragaa fi akeektuu tokko malee himannuma isaanii qofaan osoo isaaniif kennamee silaa namoonni qabeenyaa fi dhiiga wolii irratti keenya jedhanii himata akka bananu himani, garuu nama himannaa bane irratti waan gaafatu irratti ragaa dhiheeffachuun dirqama, yoo ragaa hin qabaanne immoo himanni nama himanni irratti banameef dhiheeffama, yoo kan isa mormu ta'e kakaatu isa irra jira isaan qulqullaa'as.