tarree:
+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ سَعْدِ بْنِ مَالِكِ بْنِ سِنَانٍ الخُدْرِيّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«لَا ضَرَرَ وَلَا ضِرَارَ».

[حسن] - [رواه ابن ماجه، والدارقطني، وغيرهما مسندًا] - [الأربعون النووية: 32]
المزيــد ...

Abuu Sa'iid Sa'ad ibnu Maalik ibnu Sinaan Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Of muudhuus ta'ee nama miidhuun hin jiru».

[hasani] - [رواه ابن ماجه والدارقطني وغيرهما مسندًا] - [الأربعون النووية - 32]

Ibsaa

Nabiiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- miidhaa gosoota isaa hundaa fi amaloota isaa hundaa waliin lubbuu ofii fi namoota biroo irraas deebisuun dirqama akka ta'e ibsani, nama tokkoofuu, woluma qixatti lubbuu ofiis ta'ee kan nama biraa rakkisuun hin eeyyamamuuf. Akkasumas miidhaa miidhaan deebisuunis isaaf hin eeyyamamu; osoo haqa namaatti hin darbin karaa gumaa baasuutiin yoo ta'e malee, miidhaan miidhaan waan hin deemsifamneef.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Hanga miidhaman caalaatti kaffalachuu irraa dhoorguudha.
  2. Rabbiin gabroota isaa waan isaan miidhutti hin ajajne.
  3. Hadiisni kun miidhaa jechaa yookaan gochaa yookaan dhiisuun raawwatamu haraama gochuu keessatti foormulaadha.
  4. Bu'uuraalee shari'aa keessaa: "miidhaan ni deemsifama", sharii'aan miidhaa hin raggaasiftu, miidhuus ni mormiti.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii