tarree:
+ -

عَنْ مُعَاذِ بْنِ جَبَلٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: قُلْت يَا رَسُولَ اللَّهِ! أَخْبِرْنِي بِعَمَلٍ يُدْخِلُنِي الجَنَّةَ وَيُبَاعِدْنِي مِنْ النَّارِ، قَالَ:
«لَقَدْ سَأَلْتَ عَنْ عَظِيمٍ، وَإِنَّهُ لَيَسِيرٌ عَلَى مَنْ يَسَّرَهُ اللَّهُ عَلَيْهِ: تَعْبُدُ اللَّهَ لَا تُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا، وَتُقِيمُ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِي الزَّكَاةَ، وَتَصُومُ رَمَضَانَ، وَتَحُجُّ البَيْتَ، ثُمَّ قَالَ: أَلَا أَدُلُّكَ عَلَى أَبْوَابِ الخَيْرِ، الصَّوْمُ جُنَّةٌ، وَالصَّدَقَةُ تُطْفِئُ الْخَطِيئَةَ كَمَا يُطْفِئُ المَاءُ النَّارَ، وَصَلَاةُ الرَّجُلِ مِنْ جَوْفِ اللَّيْلِ، ثُمَّ تَلَا: {تَتَجَافَى جُنُوبُهُمْ عَنِ الْمَضَاجِعِ} حَتَّى {بَلَغَ يَعْمَلُونَ}، ثُمَّ قَالَ: أَلَا أُخْبِرُك بِرَأْسِ الأَمْرِ وَعَمُودِهِ وَذِرْوَةِ سَنَامِهِ، فَقُلْتُ: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ، قَالَ: رَأْسُ الأَمْرِ الإِسْلَامُ، وَعَمُودُهُ الصَّلَاةُ، وَذِرْوَةُ سَنَامِهِ الجِهَادُ، ثُمَّ قَالَ: أَلَا أُخْبِرُك بِمِلَاكِ ذَلِكَ كُلِّهِ، فقُلْت: بَلَى يَا رَسُولَ اللَّه! فَأَخَذَ بِلِسَانِهِ وَقَالَ: كُفَّ عَلَيْك هَذَا، قُلْت: يَا نَبِيَّ اللَّهِ! وَإِنَّا لَمُؤَاخَذُونَ بِمَا نَتَكَلَّمُ بِهِ، فَقَالَ: ثَكِلَتْكَ أُمُّكَ وَهَلْ يَكُبُّ النَّاسَ عَلَى وُجُوهِهِمْ أَوْ قَالَ عَلَى مَنَاخِرِهِمْ إلَّا حَصَائِدُ أَلسِنَتِهِمْ»!

[صحيح] - [رواه الترمذي] - [الأربعون النووية: 29]
المزيــد ...

Mu’aaz ibnu Jabal irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii! hojii jannata na seensisee ibidda irraa na fageessu natti himaa? isaanis akkas jedhani:
«Waan guddaa irraa gaaffatte, inni nama Rabbiin laaffiseef irratti laafaadha: Homaa isatti osoo hin qindeessin Rabbiin gabbarta, salaata gadi dhaabda, zakaa kennita, ramadaana soomanta, mana Rabbiitti hajjita" eegasii Nabiyyiin akkas jedhani: "hulaawwan toltuutti si qajeelchuu? Soomni gaachana, sadaqaan akka ibiddi bishaan dhaamsutti badii dhaamsa, salaanni namichi halkan keessa salaatu" eegasii jecha Rabbii ol ta’ee kana ni qara'an: {Cinaachi isaanii ciisicha irraa ni fagaatti} jedhu. hanga jecha Rabbii aayaa itti aanuu {waan isaan hojjataa turaniif jecha} jedhu gayutti qara’anii, eegasii ammas akkas jedhani: "mataa (indoo) dubbii, utubaa isaa fi fiixee dalluu isaa (woroo isaa) sitti himuu?" eeyyen natti himaa yaa ergamaa Rabbiin jedhe: "mataan (indoon) dubbii islaamummaadha, utubaan isaa salaata, fiixeen dalluu isaa (woroon isaa) jihaada" eegasii ammas akkas jedhani: "wan san hunda walitti qabu (guutu) sitti himuu?" eeyyeen natti himaa yaa ergamaa Rabbiin jedhe: arraba isaanii qabuun akkas jedhani: "kana ofirratti qabi" yaa ergamaa Rabbii nuti waan dubbannuun ni qabamnaa? Jedhe, isaanis ni jedhan: "haati kee si haa dhabdu! Namoota fuula isaaniitiin ibiddatti kan naqu oomisha (dubbii) arraba isaani malee maali?»!

[sirrii] - [tirmizii odeesse] - [الأربعون النووية - 29]

Ibsaa

Mu'aaz, Rabbiin irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Ani imala wahii keessatti Nabiyyii wajjiin ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, guyyaa tokko osoo deemutti jirruu ani itti dhihaadhee, akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii, waan Jannata na galchee ibidda irraa na fageessu natti himi, Isaanis akkana jedhan: Hojii isa hojjechuun lubbuuwwan irratti ulfaatu irraa dhugumatti na gaafatte, garuu inni nama Rabbiin salphiseef irratti salphaa dha, Dirqamoota Islaamaa raawwadhu:
Tokkoffaa: Osoo homaa itti hin daballe Rabbii tokkicha qofa gabbarta.
Lammaffaa: Salaata dirqamaa shanan halkanii fi guyyaa keessatti ulaagaalee, utubaalee fi dirqamoota isaanii eeguun raawwatta, isaanis: salaata subhii, Zuhrii, asrii, magriba fi Ishaa'iidha.
Sadaffaa: Zakaa dirqamaa ni baafta, isheenis ibaadaa qabeenyaa tan qabeenya shari’aa keessatti hanga murtaa’e irra gahe hunda keessatti dirqama taatuudha, namoota ishee haqa godhataniif kennamti.
Afraffaa: Sooma Ramadaanaa ni soomta, innis nyaata, dhugaatii fi wantoota biroo kan sooma balleessan irraa barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti niyyaa Rabbiin gabbaruutin of qabuudha.
Shanaffaa: Makkaa deemuudhaan sirnoota Hajjii niyyaa Rabbii ol ta'e gabbaruutin ni raawwatta.
Ergasii isaan -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Karaawwan balbala kheyritti nama geessan si barsiisuu? sunis dirqamoota sana jala sunnaalee hordofsiisuudha:
Tokkoffaa: Sooma sunnaati, inni fedhii keessatti cabsuu fi humna laaffisuun namicha akka badii keessa hin kufne taasisa.
Lammaffaa: Sadaqaan sunnaa dilii erga raawwatanii booda dhaamsitee, mallattoo isaas balleessiti.
Sadaffaa: Salaata Tahajjudaa halkan sadaffaa isa dhumaa keessatti salaatamuudha, ergasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu ni qara'an: {Tatajaafaa junuubuhum} jechuunis: cinaachi isaanii ni fagaatti jechuudha, {Anil madaaji'i} jechuunis: bakkoolee hirriibaa irraa jechuudha, {Rabbii isaanii kadhatan} salaata salaatuun, Zikrii gochuun, Qur'aana dubbisuun, Rabbiin kadhachuun, {Sodaatanii fi kajeelaa, waan Nuti isaaniif kennine irraas ni sadaqatu, lubbuun kamiyyuu waan gammachuu ijaa irraa isaanif dhokfame hin beektu} Kana jechuun guyyaa qiyaamaa fi jannata keessatti qananii irraa waan ijji isaanii itti gammadduudha, {Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha}.
Ergasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: Bu'ura amantii, utubaa isaa kan inni irratti hirkatuu fi fiixxee dalluu isaa siif himuu?
Mu'aaz, Rabbiin irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Eeyyee yaa Ergamaa Rabbii.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Mataan dubbii: Islaamummaadha, innis shahaadaa lamaani, isaan lamaanin bu'urri amantii ilma namaa bira jiraata. Utubaan isaa: salaata, Akkuma manni utubaa malee ta’uu hin dandeenye salaataan malee islaamummaan hin jiru, Namni salaate amantiin isaa jabaatee ol ka'a; fiixxeen dalluu isaati fi ol ka'iinsi isaa jihaada fi diina amantiitin loluu keessatti jecha Rabbii ol taasisuuf jecha carraaqqii gochuudha.
Eegasii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, akkana jedhan: mirkaneessa wanta armaan olitti dabree sitti himuu? eegasii isaan nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu arraba isaanii qabatanii akkana jedhan: Kana ittisi waan si hin fayyanne hin dubbatin. Mu'aaz akkana jedhe: Rabbiin keenya waan nuti dubbannu hundaaf jecha nu adabaa?!
Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, akkana jedhan: Haati kee si haa dhabdu! Isatti kadhachuuf kan yaadame osoo hin taane, garuu inni waan Araboonni wanni kun xiyyeeffannaa itti kennuu fi beekamuu qaba jedhanii yaadan keessatti fayyadamaniidha. Ergasii akkana jedhan: Miidhaan arraba isaanii kufrii, nama zinaan darbachuu, arrabsoo, nama addaan kutuu, hamachuu, soba fi kan kana fakkaatan irraa ta'e malee wanti namoota fuula isaanitiin ibidda keessatti kuffisu ni jiraa?

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabonni, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu, beekumsaaf fedhii guddaa kan qaban irraa kan ka'een, yeroo baay’ee Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimma garagaraa gaafatan.
  2. Sahaabonni -Rabbiin irraa haa jaallatu- hojiileen jannata seenuuf sababaa akka ta’e beekuu isaanitiif hubannaa guddaa akka qabaniidha.
  3. Gaaffiin Mu'aaz irraa dhufe, Rabbiin irraa haa jaallatu, gaaffii guddaadha; Sababni isaas dhugumatti inni iccitii jireenyaa fi argamiinsaa waan ta’eef jecha, ilmaan Aadam ykn jinnii irraa ta'ee wanni addunyaa tana irratti argamu hundi booddeen isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaati ta'a, Kanaaf gaaffii kun gaaffii guddaa ta'e.
  4. Jannata seenuun isaa utubaawwan Islaamaa shanan, isaanis: Shahaadaa lamaan, salaata, zakaa, sooma, fi hajjii irratti hundaa’a.
  5. Mataan amantii, hojiiwwan hunda caalaa gatii guddaa kan qabuu fi irra ol aanaan dirqamootaa gabbartii isaatin Rabbii tokkicha hiriyyaa hin qabne tokkichoomsuudha.
  6. Rabbiin gabroota isaatif rahmata godhuudha, sunis maloota mindaa fi araarama diliiwwanii ittiin argatan irraa akka isaan guduunfataniif jecha balbala kheyrii isaanif banuudhaan.
  7. Eega dirqamoota raawwatanii sadarkaa sunnaalee raawwachuun qabuudha.
  8. Salaanni Islaamummaa irraa sadarkaa utubaa manni irratti dhaabbatutti jira, akkuma utubaan kufuun manni kufutti salaanni deemuun islaamummaan deema.
  9. Amantaa isaa keessatti waan isa miidhu irraa ilmi namaa arraba eeggachuun dirqama ta'uudha.
  10. Arraba ofii ittisuun fi to’achuun bu’uura kheyrii hundaati.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii