عَنْ أَبِي نَجِيحٍ العِرْبَاضِ بْنِ سَارِيَةَ رضي الله عنه قَالَ: وَعَظَنَا رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ مَوْعِظَةً وَجِلَتْ مِنْهَا القُلُوبُ، وَذَرَفَتْ مِنْهَا العُيُونُ، فَقُلْنَا: يَا رَسُولَ اللهِ! كَأَنَّهَا مَوْعِظَةُ مُوَدِّعٍ؛ فَأَوْصِنَا، قَالَ:
«أُوصِيكُمْ بِتَقْوَى اللَّهِ، وَالسَّمْعِ وَالطَّاعَةِ، وَإِنْ تَأَمَّرَ عَلَيْكُمْ عَبْدٌ، فَإِنَّهُ مَنْ يَعِشْ مِنْكُمْ بَعْدِي فَسَيَرَى اخْتِلَافًا كَثِيرًا، فَعَلَيْكُمْ بِسُنَّتِي وَسُنَّةِ الخُلَفَاءِ الرَّاشِدِينَ المَهْدِيينَ، عَضُّوا عَلَيْهَا بِالنَّوَاجِذِ، وَإِيَّاكُمْ وَمُحْدَثَاتِ الأُمُورِ؛ فَإِنَّ كُلَّ بِدْعَةٍ ضَلَالَةٌ».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي] - [الأربعون النووية: 28]
المزيــد ...
Abuu Najiih ibnu Al-Irbaad ibnu Saariyaa irraa akka odeeffametti –Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gorsa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji isa irraa imimmaan harcaafte nu gorsanii jennaan: yaa ergamaa Rabbii gorsi kee kun gorsa namni nama gaggeessu dhaammatu fakkaata; mee ammas nu gorsi jenneen, ergamaanis akkas jedhani:
«Sodaa Rabbiin isiniif dhaama, akkasumas gabrichi habashaa irraa ta’e yoo isin irratti duree ta’ellee, isa dhaga’uu fi isaaf ajajamuun isiniif dhaama, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kootii fi karaa khaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) khalaqaman irraa of eeggadhaa, hundi wantoota haaraa diinii keessatti khalaqamanii jallina waan ta'eef jecha».
[sirrii] - [abuu daawudiifii tirmiziitu odeesse] - [الأربعون النووية - 28]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaaboota isaanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji irraa imimmaan dhangalaafte gorsanii jennaan, Isaanis akkana jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii gorsi kun gorsa dhaammataati fakkaata, gorsicha keessatti jabeessuu isaanii waan arganiif akkas jedhaniin, kanaafuu dhaamsa booda isaanitii isa qabatanii irra jiraatan isaan irraa barbaadan, Isaanis akkana jedhan: dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun Rabbii ol ta'e sodaachun isinii dhaama, Akkasumas hooggantootaaf dhagayuu fi ajajamuudhaan isinii dhaama, osoo gabrichi wahii isinirratti moohellee, kana jechuunis uumama keessaa inni gadi aanaan bulchaa keessan ta’ellee hin didinaa isa tole jedhaa, fitnaan faca'uu soodaaf jecha, isin keessaa namni jiraate waldhabdee hedduudha arguuf taa'a. Eegasii karaa waldhabdee kana irraa ittiin bahan isaanii ibsan, sun sunnaa isaaniitii fi sunnaa qajeeloo fi qajeelfamoo booda isaanitii ta'an kan akka Abuu Bakr alssiddiiq, Umar bin Al-khaxxaab, Usmaan bin Affaani fi Aliyyi bin Abii Xaalib qabachuudhaani, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu, akkasumas a'oo xumura ilkaanitti jiruun irratti ciniinuudhaani, kana jechuun sunnaa qabatanii itti hojjachuu keessatti cimuudha baana, Wantoota bid'aa ta'an kan guyyaa keessaa amantii keessatti argamsiifaman irraa isaan akeekkachiisan, hundummaan bid'aa jal'ina waan ta'eef jecha.