عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«كُلُّ سُلَامَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ، كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ تَعْدِلُ بَيْنَ الِاثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَتُعِينُ الرَّجُلَ فِي دَابَّتِهِ فَتَحْمِلُهُ عَلَيْهَا أَوْ تَرْفَعُ لَهُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالكَلِمَةُ الطَّيِّبَةُ صَدَقَةٌ، وَكُلُّ خُطْوَةٍ تَمْشِيهَا إِلَى الصَّلَاةِ صَدَقَةٌ، وَتُمِيطُ الأَذَى عَنِ الطَّرِيقِ صَدَقَةٌ».
[صحيح] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية: 26]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
«Humna qaama namaa hunda sadaqaatu irratti jira guyyaa aduun baatu hundakeessatti. nama lama jidduutti araara buusuun sadaqaadha, yaabbii isaa irratti namicha gargaaruun, gargaartee isa yaabbachiisuun yookaan meeshaa isaa ol fuutee irra kaa'uun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin gara salaataatti deemtu hunduu sadaqaadha, karaa irraa waan nama rakkisu kaasuunis sadaqaadha».
[sirrii] - [رواه البخاري ومسلم] - [الأربعون النووية - 26]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslima dirqama qabu hunda irratti guyyaa guyyaan Lakkoofsa humna lafee isaatin sadaqaan sunnaa akka jiruu fi sadaqaan kunis Rabbiin ol tahe fayyaa waan isaaf kenneef galateeffachuuf jecha akka tahe ibsan. Lafeen isaa humna humna qabaachuun qabuu fi diriirsuu irratti isa gargaara. Sadaqaan kun hojii gaarii hundaan kan raawwatamu yoo ta'u, maallaqa kennuu irratti kan hin dhaabbanne ta'uu ibsaniiru, kanneen keessaa: Nama lama kan wal dhaban walitti araarsuun kee sadaqaa dha. Nama dadhabaa yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gaargaaruun kee sadaqaadha. Jechi gaariin kan akka zikrii, du'aa'ii, salaamtaa namaan jechuu fi kan biroos sadaqaadha. Tarkaanfiin ati gara salaatatti gootu hundi sadaqaa dha. Waan miidhaa geessisu karaa irraa deemsisuun sadaqaa dha.