tarree:
+ -

عَنْ أَبِي مَالِكٍ الحَارِثِ بْنِ عَاصِمٍ الأَشْعَرِيِّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«الطُّهُورُ شَطْرُ الْإِيمَانِ، وَالْحَمْدُ لِلهِ تَمْلَأُ الْمِيزَانَ، وَسُبْحَانَ اللهِ وَالْحَمْدُ لِلهِ تَمْلَآنِ -أَوْ تَمْلَأُ- مَا بَيْنَ السَّمَاءِ وَالأَرْضِ، وَالصَّلَاةُ نُورٌ، وَالصَّدَقَةُ بُرْهَانٌ، وَالصَّبْرُ ضِيَاءٌ، وَالْقُرْآنُ حُجَّةٌ لَكَ أَوْ عَلَيْكَ، كُلُّ النَّاسِ يَغْدُو، فَبَايِعٌ نَفْسَهُ فَمُعْتِقُهَا أَوْ مُوبِقُهَا»

[صحيح] - [رواه مسلم] - [الأربعون النووية: 23]
المزيــد ...

Abuu Maalik Al-Haaris ibnu Aasim Al-Ash'arii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:
«Qulqullinni walakkaa iimaanaati, Al-Hamdulillaan miizaana guuta, Subhaanallaa wa Al-Hamdulillaan immoo samii fi dachii gidduu guutu, salaanni ifa, sadaqaan ragaadha, obsi ifaa guddaadha, Qur'aanni ragaa siif ta'a yookaan ragaa sirratti ta'a, namni hunduu ganamaan bobba'ee, lubbuu isaa gurgura, kan isii bilisoomsu yookaan kan isii balleessu ta'a».

[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [الأربعون النووية - 23]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- qulqullinni mul'ataan waduu'aa fi dhiqannaan akka ta'u himani, isiin immoo salaata keessatti ulaagaadha. Akkasumas jechi: "Al-hamdulillaah miizaana guuttii" inni Isa faarsuu fi sifaata guutuun Isa wossafuudha -Inni qulqullaa,e- guyyaa qiyaamaatti mazzanamuun miizaana hojiiwwanii guutti. Akkasumas jechi: "Subhaanallaah wal hamdulillaah" iinni hir'ina hunda irraa Isa qulqulleessuu fi Isa jaallachuu fi Isa guddisuu waliin guutina daangaa hin qabne kan guddina Isaatiif maluun Isa wossafuudha, isiin gidduu samiiwwanii fi dachiiti guutti. Salaanni garbichaaf qalbii isaa keessatti, fuula isaa keessatti qabrii isaa keessattii fi kaafamuu isaa keessatti ifa taatiif. "Sadaqaan ragaadha" iimaanni mu'uminaa dhugaa ta'uu isaatii fi munaafiqa isa sadaqaa dhoorgatu irraa adda ta'uu isaa irratti ragaadha, sababaa inni (munaafiqni) waan isiidhaaf beellamame hin dhugeessineef jecha. "Sabriin ifa akka aduuti" -inni dallanuu fi aaruu irraa lubbuu hidhuudha- ifa isa waliin ho'ii fi gubiinsi argamuudha, akka ifa aduutti; inni waan jabaa ta'eef lubbuutti qabsaa'uu fi waan isiin barbaaddu irraa isii hidhuu barbaada; abbaan isaa isa ibsataa qajeelaa karaa sirrii irratti itti fufaa ta'uu irraa hin deebi'u. akkasumas inni ajaja Rabbii guutuu irratti obsuu fi Isa faallessuu irraa obsuudha, akkasumas balaawwan irrattii fi duuniyaa keessatti gosoowwan rakkinaa irratti obsuudha. "Qur'aanni siif ragaadha" isa qara'uu fi itti hojjachuun, yookaan "sirrati ragaadha" itti hojjachuu dhiiisuuni yookaan isa qara'uu dhiisuuni. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi namaatuu akka carraaqqatu hirriiba isaaniitii ka'anii mana isaaniitii ba'anii hojii isaanii addaa addaatiif jecha akka faca'an himani, Isaan irraa namni Rabbiif ajajamuu irratti gadi dhaabbatee lubbuu isaa ibidda irraa bilisa baaseeti jira, akkasumas isaan irraa namni isa sana irraa jallatee badii keessa bu'ee ibidda seenuun lubbuu isaa balleessee jira.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Qulqullinni qulqullina gosa lama: qulqullina mul'ataa kan waduu'aa fi dhiqannaan ta'uu fi qulqullina keessoo kan tawhiida, iimaanaa fi hojii gaariidhaan ta'uudha.
  2. Barbaachisummaa salaata eeggachuun qabuudha, isiin duuniyaa fi Aakhiraatti gabrichaaf ifa taati.
  3. Sadaqaan iimaanni dhugaa ta'uu irratti ragaadha.
  4. Barbaachisummaa qur'aanatti hojjachuu fi isa dhugeessuun qabuudha, akka ragaa sirratti ta'uu osoo hin taanee akka ragaa siif ta'uuf jecha.
  5. Lubbuun Rabbiif ajajamuudhaan yoo isii hi muddine badiidhaan si mudditi.
  6. Namni hunduu hojjachuun dirqama; lubbuu isaa Rabbiif ajajamuun bilisoomsa, yookaan immoo badiidhaan isii balleessa.
  7. Obsi rakkinni isa keessa waan jiruuf danda'uu fi herregachuu barbaada.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii