عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِنَّ الدِّينَ يُسْرٌ، وَلَنْ يُشَادَّ الدِّينَ أَحَدٌ إِلَّا غَلَبَهُ، فَسَدِّدُوا وَقَارِبُوا، وَأَبْشِرُوا، وَاسْتَعِينُوا بِالْغَدْوَةِ وَالرَّوْحَةِ وَشَيْءٍ مِنَ الدُّلْجَةِ».
[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 39]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffamettii-Rabbi isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan:
«Amantiin islaamaa laafaadha, namni tokko humnaa ol isa jabeessee isa injifatu malee hin hafu, giddu galeessa ta'aa, itti dhiheessaa, abshiraa haamilee horadhaa, ibaadaa barii, ibaadaa galgalaa fi hanga ta'e ibaadaa dhuma halkaniitiin of gargaarsifadhaa».
[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 39]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amantaan islaamaa dhimmoota isaa hunda keessatti laaffisuu fi salphisuu irratti akka bu'uureffame ibsan, keessattuu laaffisni yeroo sababaan jiruu fi haajaan jirutti akkaan barbaadamaa ta'a, hojiiwwan amantaa islaamaa keessatti daangaa darbuu fi laaffisuu dhiisuun dhumni isaa dadhabbii fi guutummaa guutuutti gara hojii dhiisuu yookaan garii hojii dhiisuutti waan nama geessuuf jecha. Eegasii Eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- daangaa darbuun alatti giddu galummaatti kakaasani; garbichi waan itti ajajame hin hir'isu, waan hin dandeenyes ol hin fudhatu, guutee hojjachuu yoo dadhabe akka itti dhihaatu godhee hojjachuu.
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama haala guutuu ta'een hojjachuu dadhabe yoo xiqqaatellee hojiin itti fufiinsa qabu mindaa gudda akka qabu gammachiisani; dadhabbiin harka isaatiin kan ofitti hin fidne yoo ta'e mindaan isaa hir'achuu hin dirqamsiisu.
dhugumatti biyyi duuniyaa ganda imalaa fi ce'umsa gara Aakhiraatti waan ta'eef, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo sadi kan si'a namaaf kennu keessatti ibaadaa itti fufiinsaan hojjachuun of gargaarsifachuutti ajajani:
inni jalqabaa: bariidha: jalqaba guyyaa deemuuni; yeroo salaata fajrii fi aduun ba'uu gidduu jirutti.
lammaffaan: galgala: booda aduun dabdee deemuuni.
sadaffaan: halkani: halkan guutuu yookaan garii isaa deemuuni, hojiin halkanii hojii guyyaa irra ulfaataa waan ta'eef "Halkan irraa hanga ta'e" jechuun, garii isaa keessa hojjachuutti ajajani.