+ -

عن أبي موسى الأشعري رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«إِذَا مَرِضَ الْعَبْدُ أَوْ سَافَرَ كُتِبَ لَهُ مِثْلُ مَا كَانَ يَعْمَلُ مُقِيمًا صَحِيحًا».

[صحيح] - [رواه البخاري] - [صحيح البخاري: 2996]
المزيــد ...

Abuu Muusaa al-ash'arii irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
''Garbichi yeroo dhukkubsatetti yookaan yeroo imala ba'etti akkuma yeroo biyya isaa jiraataa fi fayyaa ta'e hojjatutti isaaf barreeffama".

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase] - [Sahiiha bukhaarii - 2996]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tola Rabbiitii fi rahamata Isaa irraa himan, dhugumatti muslimni yeroo fayyaa qabuu fi biyya isaa jiraatutti aadaa isaa irraa hojii gaarii kan hojjatu ta'ee eegasii sababaan yoo isatti argamee dhukkubsatee isa hojjachuu dadhabe yookaan isa irra imala ba'uun yoo qabame, yookaan sababa kamiinuu ta'u; dhugumatti mindaa guutuutu isaaf barreeffama, akkuma waan yoo haala fayyaa qabuu fi biyya isaa jiru hojjatetti.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Bal'ina tola Rabbii garboottan Isaa irratti.
  2. Rabbiif kheyrii hojjachuu keessatti tattaaffii gochuu fi yeroo fayyaa qabanuu fi duwwaa ta'anitti yerootti fayyadamuutti kakaasuu.