+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«إِذَا لَقِيَ أَحَدُكُمْ أَخَاهُ فَلْيُسَلِّمْ عَلَيْهِ، فَإِنْ حَالَتْ بَيْنَهُمَا شَجَرَةٌ أَوْ جِدَارٌ أَوْ حَجَرٌ ثُمَّ لَقِيَهُ فَلْيُسَلِّمْ عَلَيْهِ أَيْضًا».

[صحيح] - [رواه أبو داود] - [سنن أبي داود: 5200]
المزيــد ...

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni yookaan dhaabni yookaan dhagaan gidduu isaaniitti haguugde eegasii ammas yoo isa qunname salaamtaa isaan haa jedhu».

[sirrii] - [abuu daawud odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 5200]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslimni tokko obboleessa isaa Muslimaa yeroo qunnamu hundatti salaamtaa akka isaan jedhu kakaasan, yoo isaan osoo waliin deemanii gidduu isaaniitti danqaan akka mukaa, ykn dhaabaa, ykn dhagaa guddaa isaan garagara baasee eegasii isa qunname deebi'ee akka salaamtaa isaan jedhu kakaasaniiru.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Salaamtaa waliin jechuu heddummeessuu fi jijjiirama haalaa hundaa irratti irra deebi’uun salaamtaa waliin jechuun jaalatamaa ta'uudha.
  2. Salaamtaa waliin jechuu heddummeessuu irratti bolola cimaa akka qabaniidha, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu; sababni isaas Muslimoota giddutti jaalalaa fi walitti dhiheenya fiduun isa keessa waan jiruuf jecha.
  3. Salaamtaa jechuun inni jecha kana: (Assalaamu aleykum) jechuunis: nageenyi isin irratti haa jiraatu, jechuudha, ykn (Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh) jechuunis: nageenyi, rahmanni Rabbii fi barakaan isaa isin irratti haa jiraatu, jechuudha, kun yeroo dura walitti dhufan harka wal fuudhuu argamu maleedha.
  4. Salaamtaan Du'aa'ii waan ta’eef, Muslimoonni irra deddeebi’anii yoo ta’ellee waliif du'aa'ii gochuutti haajamoodha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa الموري kanadiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani