+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«قَالَ اللَّهُ: كُلُّ عَمَلِ ابْنِ آدَمَ لَهُ، إِلَّا الصِّيَامَ، فَإِنَّهُ لِي وَأَنَا أَجْزِي بِهِ، وَالصِّيَامُ جُنَّةٌ، وَإِذَا كَانَ يَوْمُ صَوْمِ أَحَدِكُمْ فَلاَ يَرْفُثْ وَلاَ يَصْخَبْ، فَإِنْ سَابَّهُ أَحَدٌ أَوْ قَاتَلَهُ، فَلْيَقُلْ إِنِّي امْرُؤٌ صَائِمٌ، وَالَّذِي نَفْسُ مُحَمَّدٍ بِيَدِهِ، لَخُلُوفُ فَمِ الصَّائِمِ أَطْيَبُ عِنْدَ اللَّهِ مِنْ رِيحِ المِسْكِ، لِلصَّائِمِ فَرْحَتَانِ يَفْرَحُهُمَا: إِذَا أَفْطَرَ فَرِحَ، وَإِذَا لَقِيَ رَبَّهُ فَرِحَ بِصَوْمِهِ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1904]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Rabbiin akkas jedhe: Sooma malee hojiin ilma Aadaam hundi isaaf ta’a, soomni anaaf ta'a, anaatu isaan mindeessa, Soomni gaachana, Guyyaan sooma tokkoo keessanii yeroo argame, waan hin taane hin haasa'in, hin iyyin, namni tokko yoo isa arrabse, ykn yoo loleen ani sooma qaba haa jedhuun, Isa Nafseen Muhammad harka isaa jirtuun kakadhee, urgaa afaan nama soomanaatu urgooftuu miskii caalaa Rabbi biratti urgaaya, nama soomuf gammachuu lamaatu jira: Yeroo sooma hiike ni gammada, yeroo Rabbii isaa qunname sooma isaatin gammada».

[sirrii] - [Bukhaariitu gabaase - Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1904]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Hadiisa Qudsii keessatti Rabbiin ol ta;e akka akkana jedhe himan:
Hojiin gaariin ilma Aadam hundi dachaa kudhan hanga dachaa dhibba torbaatti baay’ata. Sooma malee; isa keessatti naa argiin hin jirreef. inni anaafi, anaatu isa galata galcha, beekumsa hanga mindaa isaa fi dachaa gaariiwwan isaa anaatu kophaa ittiin baha.
Eegasii akkana jedhan: (Soomni gaachana) Eegumsa, girdoo fi ittisa cimaa Ibidda irraa taha, Sababni isaas fedhiiwwanii fi diliiwwan keessatti argamuu irraa of qabuu waan ta'eef jecha, ibiddi immoo fedhiiwwaniin marfamtuudha.
(Kanaaf guyyaan sooma tokkoo keessanii yeroo ta’e, waan hin taane hin dubbatin) Walqunnamtii saalaa, jechoota seensa isaati fi walumaa galatti dubbii fokkotaa keessa galuun waan hin taane hin hojjetin.
(Hin iyyin) sunis walfalmii fi iyyansaan.
(Namni tokko yoo isa arrabse ykn isaan lole) Ramadaana keessatti akkas haa jedhu: Ani nama sooma qabu; waan san irraa deeb'uun isaa waan maluuf jecha, Yoo dhugaan lola malee dide, waan salphaan eegasii waan salphaan isa ofirraa haa deebisuu, akka nama nama miidhuu dhufeetti jechuudha.
Eegasii isaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- sababaa soomaatiin jijjiiramni foolee afaan nama sooma qabuu guyyaa qiyaamaa Rabbiin biratti miskii isin bira jiru caalaa akka urgaayu fi miskii jum'aa fi walgayii zikrii irratti gorfamu caalaa akka mindaa qabu Isa lubbuun isaanii harka isaa jiruun kakatan.
nama sooma qabuuf gammachuu lama tan isaan gammaduutu jira: yeroo sooma isaa hiiku faxaree beela fi dheebuun irraa deemuun gammada waan sooma hiikuun isaaf hayyamameef jecha, akkasumas soomni isaa guutamuu, ibaadaan isaa xumuramuu, laaffisuu Rabbii isaa irraa tahee fi sooma isaa gara fuula duraatiifis gargaarsa qaba waan ta'eef gammada.
(Yeroo Rabbii isaa waliin wal argu immoo sooma isaatti gammada) mindaa fi badhaasa waan argatuuf jecha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa portuugaaliffaa sawaahiilii bishtuu asaamiiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sadarkaa soomni qabuu fi inni addunyaa kana irratti fedhii ofii jala deemuu irraa, aakhiratti immoo adabbii ibiddaa irraa akka saahiba isaa eeguudha.
  2. Naamusaalee soomaa keessaa dubbii fokkotaa fi waan bu'aa hin qabne dhiisuudha, akkasumas miidhaa namootaa irratti obsuu fi arrabsoo isaanii obsaa fi gaarummaadhaan deebisuudha.
  3. Namni soomu ykn Rabbiin gabbaru tokko, sababaa ibaadaa isaa guutee xumuruutin yoo gammade sun mindaa isaa kan aakhiraa irraa homaa hin hir’isu.
  4. Gammachuun guutuun Rabbii ol ta'een wal arguudha, yeroo namoonni obsa qabanii fi sooman mindaan isaanii osoo hin herregamin kennamuuf.
  5. Yeroo barbaachisaa ta’ee fi dhimma tokko tokkoof kheyrii kee namoota beeksisuun naa argii irraayii miti, akkuma jedhamu: (Ani sooma qaba).
  6. Namni soomu kan soomni isaa guutuu ta'e isa qaamni isaa diliiwwan irraa of qusate, kan arrabni isaa soba, waan fokkotaa fi jecha cubbuu irraa callisee fi nama garaan isaa nyaata fi dhugaatii irraa agabuu ooleedha.
  7. Osoo sooma irra jiran sagalee ol kaasuu, walfalmii fi waca garaagaraa irraa dhoorguu gadi jabeessuudha, yoo akkana hin jenne namni sooma hin qabnis sana irraa dhoorgamaadha.
  8. Hadiisni kuni Hadiisowwan Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Rabbii isaanii irraa odeessan keessaa isa tokkoodha, inni Hadiis al-qudsii ykn Hadiis al-ilaahii jedhama. Inni Hadiisa jechi isaa fi hiikni isaa Rabbiin biraa ta'eedha, Haa ta’u malee amaloota Qur’aanni waan biraa irraa adda itti tahe hin qabu, kan akka qara’uu/dubbisuu isaatiin Rabbiin gabbaruu, isaaf of qulqulleessuu, qormaata qabaachuu, dinqii fi kkf.