+ -

عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما أن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهمُ الرَّحمنُ، ارحَمُوا أهلَ الأرضِ يَرْحْمْكُم مَن في السّماء».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وأحمد] - [سنن أبي داود: 4941]
المزيــد ...

Abdullaah ilma Amarii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
“Warri rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaaa”.

[sirrii] - [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 4941]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoota nama birootif rahmata godhan, Rabbiin rahmata Isaa waan hundumaa hammateen mindaa dalagaa isaanii gituun rahmata akka isaanif godhu ibsan.
Ergasii isaan(nabiyyiin) nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namas ta'ee ykn bineensa ykn simbirroo ykn gosoota uumamaa irraa waan biroos ta'ee wantoota dachii irra jiran hundaaf rahmata gochuutti ajajan, midaan saniitis Rabbiin samiiwwan gubbaa rahmata isaanif gochuu akka ta'e ibsaniiru.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii buurmaaffaa taaylaandiffaa jarmaniffaa jaappaaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Amantiin Islaamaa amantii rahmataa yoo ta’u, innis hundummaan isaatuu Rabbiif ajajamuu fi uumamaaf tola ooluu irratti hundaa’aadha.
  2. Rabbiin ol ta'e rahmata gochuun kan beekamu yoo ta’u, Inni -qulqullaa'e- akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaadha, rahmataas gara gabroota Isaatti geessaadha.
  3. Mindaan fakkaatuma hojii waan ta'eef, namoota namaafis ta'ee waan biraatif rahmata godhan Rabbiin rahmata godhaaf.