عن عبد الله بن عمرو رضي الله عنهما أن النبي صلى الله عليه وسلم قال:
«الرَّاحِمُونَ يَرْحَمُهمُ الرَّحمنُ، ارحَمُوا أهلَ الأرضِ يَرْحْمْكُم مَن في السّماء».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وأحمد] - [سنن أبي داود: 4941]
المزيــد ...
Abdullaah ilma Amrii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:
“Warra rahmata namaa godhan, Rahmaan(Rabbiin) rahmata godhaaf, warra dachii irra jiraniif rahmata godhaa, Inni samii keessa jiru rahmata isiniif godhaa”.
[sirrii] - [abuu daawud tirmizii fiiahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 4941]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namoota nama birootif rahmata godhan, Rabbiin rahmata Isaa waan hundumaa hammateen mindaa dalagaa isaanii gituun rahmata akka isaanif godhu ibsan.
Ergasii isaan(nabiyyiin) nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, namas ta'ee ykn bineensa ykn simbirroo ykn gosoota uumamaa irraa waan biroos ta'ee wantoota dachii irra jiran hundaaf rahmata gochuutti ajajan, midaan saniitis Rabbiin samiiwwan gubbaa rahmata isaanif gochuu akka ta'e ibsaniiru.