قال سعد بن هشام بن عامر -عندما دخل على عائشة رضي الله عنها-:
يَا أُمَّ الْمُؤْمِنِينَ، أَنْبِئِينِي عَنْ خُلُقِ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، قَالَتْ: أَلَسْتَ تَقْرَأُ الْقُرْآنَ؟ قُلْتُ: بَلَى، قَالَتْ: فَإِنَّ خُلُقَ نَبِيِّ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ الْقُرْآنَ.
[صحيح] - [رواه مسلم في جملة حديثٍ طويلٍ] - [صحيح مسلم: 746]
المزيــد ...
Sa'ad ibnu Hishaam ibuu Aamir yeroo Aa'ishaatti ol seenetti -Rabbi isii irraa haa jaallatu- akkas jedhe:
Yaa haadha mu'umintootaa, haala ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naaf himi, Aa'ishaanis ni jette: Qur'aana hin qaraatuu? lakki, nan qara'a, Aa'ishaanis ni jette: Haalli nabiyyii Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Qur'aana ture.
[sirrii] - [muslim hadiisa dheera keessatti odeesse] - [Sahiiha muslim - 746]
Haati mu'umintootaa Aa'ishaan -Rabbi isii irraa haa jaallatu- haala nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa gaafatamtee, jecha wolitti qabataa ta'een deebiste, gaafataa gara Qur'aana kabajamaa isa haala guutuu hunda of keessatti qabateetti qajeelchite, nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haala Qur'aanaatiin qabatu ture jette, waan Qur'aanni itti ajaje hojiitti hiiku, waan Qur'aanni irraa dhoorge immoo irraa fagaatu, haalli isaanii isaan hojjachuu, daangaa isaa irra dhaabbachuu, namuusa isaatiin taliigamuu fi fakkeenyota isaatii fi seenowwan isaatiin gorfamuu ture.