+ -

عَنِ ‌ابْنِ عَبَّاسٍ رَضِيَ اللهُ عَنْهُمَا قَالَ:
أُنْزِلَ عَلَى رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَهُوَ ابْنُ أَرْبَعِينَ، فَمَكَثَ بِمَكَّةَ ثَلَاثَ عَشْرَةَ سَنَةً، ثُمَّ أُمِرَ بِالْهِجْرَةِ، فَهَاجَرَ إِلَى الْمَدِينَةِ، فَمَكَثَ بِهَا عَشْرَ سِنِينَ، ثُمَّ تُوُفِّيَ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 3851]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa qur'aanni isaan irratti buufame, woggaa kudha sadi'iif makkaan turani, eegasii godaansatti ajajamanii, gara madiinaatti godaanani, woggaa kudhaniif isii keessa turani, eegasii immoo -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni du'ani.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 3851]

Ibsaa

ibnu abbaas -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkas jechuun hima: ergamaa Rabiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- umurii afurtamaa wahyiin isaan irratti buufame akkasumas ergamaa ta'anii ergamani, wahyiin booda woggaa kudha sadi'iif makkaan jiraatani, eegasii gara madiinaatti godaanuutti ajajamanii woggaa kudhaniif isii keessa jiraatani, eegasii umurii isaanii jaatamii sadi'itti du'ani.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii buurmaaffaa taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa HSomaaliffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa cheekiffaa maalaagaashiyaffaa xaaliyaaniffaa kanadiffaa azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. xiyyeeffannoo sahaabonni seenaa nabiyiitiif qabaniidha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.