1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim

عن عبد الله بن عمرو بن العاص رضي الله عنهما:
عن النبي صلى الله عليه وسلم أنه كان إذا دخل المسجد قال: «أعوذ بالله العظيم، وبوجهه الكريم، وسلطانه القديم، من الشيطان الرَّجِيم»، قال: أَقَطُّ؟ قلت: نعم، قال: فإذا قال ذلك قال الشيطان: حُفِظَ منِّي سائر اليوم.

Abdullaah ibnu Amrii ibnu Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-:
Nabiyyii irraa odeesse -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim» kana qofaa jedhe? eeyyeen kana qofa, ni jedhe: yeroo sana jedhetti sheyxaanni guyyaa isaa guutuu ana irraa tikfate jedha.

hasani abuu daawud odeesse Sunana abbaa daawud - 466

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: (A'uuzu billaahil Aziim) Rabbii guddaa fi sifaata isaatiinan tikfamas eegamas. (wo bi wojhilkariim) fuula isaa kennaa fi arjaa ta'een. (wo sulxaanihi) Aangoo, moo'ichaa fi dandeetii inni uumama isaa irratti qabuun. (Al-qadiim) durattis kan ture fuuldurattis zalaalam kan jiraatu. (minasheyxaanirrajiim) sheyxaana rahmata Rabbii irraa fageeffamaa fi ari'atamaa ta'e irraa. akkas jechuun: yaa Rabbi woswasaa isaa, jallisa isaa, faana isaa, hasaassaa isaa, fakkeessaa isaa irraa na tiksi, isaatu jallinaaf sababaa ta'ee wollaalummaa irratti nama kakaasa. Abdullaah ibnu Amriin "kanuma qofaa?" jedhameen, akkas jechuun nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kana qofa jedhanii? jechuudha. innis eeyyeen kana qofa jedhani jedhe.
namni masjiida ol seenu du'aa'ii kana yoo jedhe: sheyxaanni immoo akkas jedha: namni ol seene kun yeroo isaa hunda guyyaa fi halkan isaa ana irraa tikfatee jira.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Yeroo masjiida ol seenan du'aa'ii kana jechuun sadarkaa akka qabuudha, nama isa jedhe guyyaa isaa hafte keessatti sheyxaana irraa isa tiksa.
  2. Sheyxaana irraa sodaachisuutu keessa jira; inni muslima jallisuuf jecha isa eeggata.
  3. muslimaaf jallisa sheyxaanaa irraa tikfamuun hanguma Rabbitti amanuun qalbii isaa keessatti gadi dhaabbatee, du'aa'ii kana yeroo hundaa godhachuu fi beellama Rabbiin isa irratti hundeesse dhugeessuun isaaf argama.

Hiikkaawwan dhiheessuu

53 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية