tarree:
+ -

عَنْ أَبِي مُـحَمَّدٍ الحَسَنِ بْنِ عَلِيِّ بْنِ أَبِي طَالِبٍ - سِبْطِ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَرَيْحَانَتِهِ-، قَالَ: حَفِظْتُ مِنْ رَسُولِ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«دَعْ مَا يَرِيبُك إلَى مَا لَا يَرِيبُكَ».

[صحيح] - [رواه الترمذي والنسائي] - [الأربعون النووية: 11]
المزيــد ...

Abuu Muhammad Al-Hasan ibnu Aliyyi ibnu Abii Xaalib -ilma intala ergamaa Rabbiitii fi urgaa'aa isaanii kan ta'e -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa akka odeeffametti, ni jedhe: ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jechuun qomatti qabadhe:
«Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi».

[sirrii] - [رواه الترمذي والنسائي] - [الأربعون النووية - 11]

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechootaa fi hojiiwwan irraa wantoota dhoorgame moo hin dhoorgamne, inni halaala moo haraama jettee shakkitu dhistee, gara waan bareedina isaa fi halaalummaa isaa mirkaneeffattee, kan shakkiin isa keessa hin jirreetti akka deebitu ajajani.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Muslimni waan shakkii qabu dhiisee dhimmoota isaa waan mirkanaa’ina qabu irratti hundaa’ee hojechuun barbaachisaa akka ta'eedha, akkasumas amantii isaa irratti hubannoo cimaa qabaachuu akka qabuudha.
  2. Waan halaalaa fi haraama ta'uu shakkan keessatti kufuu irraa dhoorguudha.
  3. Yoo tasgabbii fi haragalfannaa barbaadde, shakkamaa dhiisii ​​cinatti darbi.
  4. Rabbiin gabroota isaatif akka rahmata godheedha, waan tasgabbii sammuu fi lubbuu isaanitiif fidu akka hojjetan isaan ajajee, waan yaaddoo fi burjaajii isaan irratti fidu irraa isaan yeroo dhoorge keessatti.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa bangaaliffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii afaan taamilii taaylaandiffaa jarmaniffaa bishtuu asaamiiffaa albaaniyaffaa Amaariffaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya daryaffaa sarbiyaffaa xaajiikiyyaa keniyaa ruwaandiya majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف azriffaa uzbeekiffaa okraaniffaa الجورجية المقدونية الخميرية الماراثية
Garsisuu hiikowani
tarreewwan
dabaltii