+ -

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الخُدْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
كَانَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَشَدَّ حَيَاءً مِنَ العَذْرَاءِ فِي خِدْرِهَا، فَإِذَا رَأَى شَيْئًا يَكْرَهُهُ عَرَفْنَاهُ فِي وَجْهِهِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6102]
المزيــد ...

Abuu sa'iid al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- durba kutaa isiitii hin baane irra saalfii jabaa qabu turani, yeroo waan jibban arganitti fuula isaanii irraa beekna.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6102]

Ibsaa

Abuu sa'iid al-khudriin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin muciyyoo durbaa heerumtee dhiira woliin jiraattee hin beekne kan mana isii keessatti da'attee teessu irra akka saalfatan hime, saalfiin isaanii jabaa ta'uu irraa yeroo waan jibban arganitti fuula isaaniitu jiijjiirama hin dubbatanu, sahaabonni jibbaan isaan waan sanaaf qabanu fuula isaanii irraa hubatu.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Saalfii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qaban ibsuutu keessa jira, inni haala guddaa irraati.
  2. Saalfiin nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hanga daangaa Rabbii hin cabsamnetti, daangaan Rabbii yeroo cabetti; dhugaan dallanu sahaabota isaaniis ni ajajus ni dhoorgus turani.
  3. Saalfii qabaachuutti kakaasuu; bareedduu hojjachuu fi fokkataa dhiisuutti lubbuu geessa waan ta'eef jecha.
Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa Hiikaa alleytowaaniya sarbiyaffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa majriffaa cheekiffaa الموري maalaagaashiyaffaa kanadiffaa الولوف okraaniffaa الجورجية المقدونية
Garsisuu hiikowani