عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَا يَزَالُ البَلاَءُ بِالمُؤْمِنِ وَالمُؤْمِنَةِ فِي نَفْسِهِ وَوَلَدِهِ وَمَالِهِ حَتَّى يَلْقَى اللَّهَ وَمَا عَلَيْهِ خَطِيئَةٌ».
[حسن] - [رواه الترمذي وأحمد] - [سنن الترمذي: 2399]
المزيــد ...
Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhani:
«Balaan mu'uminaa fi mu'umintittii tuquu irraa hin hafu lubbuu isaa, ilma isaa fi qabeenya isaa keessatti isa tuquu irraa hin hafu hanga haala badiin tokko isa irra hin jirreen Rabbiin wol ga'utti».
[hasani] - [tirmiziifii ahmad odeessan] - [sunana tarmizii - 2399]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- balaa fi mokkoroon gabricha mu'uminaa fi mu'umintittii irraa akka adda hin baane himani, lubbuu isaa keessatti fayyaa isaatii fi qaama isaa, ilmaan isaa keessatti dhukkuba yookaan du'a yookaan haadhaaf abbaatti jallina yookaan waan biraatiin, qabeenya isaa keessatti immoo rakkachuu, daldalli isaa kasaaruu, hatamuu, jireenyi qaala'uu fi rizqiin dhiphachuu, hanga Rabbiin sababaa balaa sanaatiin hunda badii isaa isaaf haqee jennaan yeroo Raabbiin wol ga'utti hunda badii fi dilii hojjatee irraa dhugaan qulqulluu ta'utti.