+ -

عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ مَالِكٍ ابْنِ بُحَيْنَةَ رضي الله عنه:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَانَ إِذَا صَلَّى فَرَّجَ بَيْنَ يَدَيْهِ حَتَّى يَبْدُوَ بَيَاضُ إِبْطَيْهِ.

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 390]
المزيــد ...

Abdullaah bin Maalik Ibnu Buheynah irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo salaatan hanga addeenyi bobaa isaanii lamaan mul’atutti jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an.

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 390]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yeroo sujuuda godhan haala sujuuda irra jiraniin jidduu harka isaanii lamaan kan adda fageessan ta'an; hunduma harkaatuu akka baallee lamaanitti cinaacha isatti aanu irraa hanga halluun gogaa bobaa isaanii lamaan mul’atutti kan fageessan ta'an. Kun harka lamaan akka baallee taasisanii cinaacha lamaan irraa isaan fageessuu keessatti hoonga gahuu irraayi.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa roomaniyaffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkaataan kun sujuuda keessatti jaalatamaa ta'uudha, innis irree isaa lamaan cinaacha isaa lamaan irraa fageessuudha.
  2. Ma'amuumni (Namichi duubaan salaatu) harka isaa adda fadeessuun ollaan isaa kan rakkatu yoo ta'e harka isaa adda fageessuun isaaf hin hayyamamu.
  3. Sujuuda keessatti harka adda fageessuu keessatti faayidaalee hedduutu jira, sana keessaa: Sochii fi fedhii salaataa agarsiisuudha, akkasumas namni sujuudu miseensota sujuudaa hunda irratti yeroo hirkate hundi miseensa sujuudaa ibaadaa irraa haqa isaa ni fudhata, Akkasis jedhame: Ogummaan sana keessa jiru inni gad of qabuu wajjiin wal fakkaachuu isaati, akkasumas kallachaa fi funyaan lafa irratti gadi qabuu keessatti gargaara, Akkasumas miseensi tokkoon tokkoon isaa ofii isaatii akka adda ba’u gargaara.