عَن أَبِي أُمَامَةَ قَالَ: حَدَّثَنِي عَمْرُو بْنُ عَبَسَةَ رضي الله عنه أَنَّهُ سَمِعَ النَّبِيَّ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«أَقْرَبُ مَا يَكُونُ الرَّبُّ مِنَ العَبْدِ فِي جَوْفِ اللَّيْلِ الآخِرِ، فَإِنْ اسْتَطَعْتَ أَنْ تَكُونَ مِمَّنْ يَذْكُرُ اللَّهَ فِي تِلْكَ السَّاعَةِ فَكُنْ».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي] - [سنن الترمذي: 3579]
المزيــد ...
Abuu umaamaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: amri ibnu abasaan nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuu akka dhaga'ee jiru naaf odeesse:
«Rabbiin gabricha isaatti irra dhihoo kan ta'u dhuma halkan wolakkaati yeroo sanatti worra Rabbiin zakkaran irraa ta'uu yoo dandeesse ta'i».
[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, nasa'iin odeessan] - [sunana tarmizii - 3579]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin gabrichatti irra dhihoo kan ta'u halkan gara dhumaa akka ta'e himani; -yaa nama mu'uminaa- yoo woffaqamtee dandeesse yeroo kana keessatti worra Rabiin gabbaranu kan salaatanu, zakkaranu, gara isaa deebi'anu irra akka taatuuf inni dhimma isa booji'achuu fi isa keessatti tattaffachuun haalaan barbaachisuudha.